ONM-ABO Sadaasa 28, 2023
Torban mariin araaraa ABO-WBO fi murna bilxiginnaa waliin adeemsifamaa ture irraa eegaluun addatti Oromiyaa keessatti ajjeechaa, hidhaa, gubaatiin manneen namootaa fi saamichi qinda’aan hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiru daran egeree uummatichaa yaaddeessuun ni beekama.
Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Caancoo Qabanaa fi Tasoo jedhamu keessatti erga mariin araaraa jalqabee kaasee hanga har’aatti lubbuun namootaa darbaa fi qabeenyi hawaasa nagaa saamamuun gariin ammoo gubachuun barbada’aa jira.
Haaluma kanaan ganda Caancoo Qabanaa keessaa gaafa Sadaasa 20, 2023 namoonni manni isaanii jalaa gubachuun barbadaa’ee fi qabeenyi isaanii saamame maqaan Bayyanaa Hurrisaa mana qorqorroo sadii fi qabeenya mana keessaa guutummaa isaa yeroo 2 itti deebi’uun gubanii barbaadeessuun, nama kana jalaa horii gaafaa soddomi sadii, Re’oota kudha tokko, lukkuu jahaa fi kannisaa gaagura kudha lamaa ol gubanii barbadeessan.
Bokii Bayyanaa ilma obboo Bayyanaa jalaa mana qorqorroo tokko qabeenya guutuu waliin guban, Dheeressaa Guddataa sa’a tokko, Mootii Magarsaa mana tokko guban. Caalaa Adaree Fayyee midhaan mana keessaa boqolloo kuntaala tokkoo fi xaafii kuntaala tokko akkasuma kannisa gaagura lama jalaa gubuun barbadeessan, Asheetuu Dabalee jalaa qabeenya mana guutuu saaman, Girma Wagii Bultii jalaa qabeenya mana guutuu saamuun horii gaafaa afur jalaa fudhatan.
Akkasuma ganda Tasoo keessattis gaafa Sadaasa 21, 2023 Gammachuu Hordofaa jalaa Re’oota 25 jalaa fudhachuun qalatanii nyaatan, Taaddasaa Faaroo Re’oota 16, Addisuu Namarraa qarshii kuma dhibba lama (200,000) jalaa saaman, Bokii Ajjamaa Mi’a mana keessaa fi Re’oota shan jalaa saaman jechuun jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Gandicha keessatti namoonni nagaan shan hidhattoota sirnichaan ajjeefamanii jiraachuu fi rakkoo quunnamtii bilbilaaf maqaa isaanii argachuun hin mijanne.

