Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Itoophiyaa keessatti lolaan uummata miliyoona 1.5 miidhee, namoota 600,000 mana isaanii irraa buqqisuu UN ibse 

ONM-ABO Muddee 2, 2023

Lolaan ji’a darbe keessa mudate Itoophiyaatti namoota miiliyoona 1.5 irratti dhiibbaa kan geessise yoo ta’u, isaan keessaa 600,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu ogeeyyiin namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii beeksisaniiru.

Lolaan ji’a darbe keessa mudate Itoophiyaatti namoota miliyoona 1.5 irratti dhiibbaa kan geessise yoo ta’u, isaan keessaa 600,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu ogeeyyiin gargaarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii himan.

Waajjirri Qindeessaa Dhimma Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii OCHA’n Kamisa dheengaddaa akka beeksisetti, naannoo Kibba Bahaa, Gaambeela, Oromiyaa, Affaar fi Sidaamaa dabalatee, namoota baay’inaan miidhaman keessaa dhibbeentaa 80 naannoo Somaaleeti.

“Lolaan kun midhaan, beelladaa fi bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo ta’an irratti miidhaa guddaa geessiseera,” jechuun OCHAn dabalee ibse.

“Manneen, dukkaanota,  manneen barnootaa fi lafti qonnaa bishaaniin liqimfamaniiru. Akkasumas balaan fayyaa dabaluu isaatiin dhukkubni koleeraa, busaa fi ho’a qaamaa dabalaa dhufeera.”  Ogeeyyiin gargaarsa namoomaa kunneen ammallee namoonni hedduun yeroo shan walitti aansuun gogiinsa hamaa Gaanfa Afrikaa keessatti mudateen wal’aansoo qabaa akka jiran dhaabbanni oduu Jiinuhaa gabaaseera.

OCHA’n akka jedhetti, Jiraattotaa fi Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Raamiiz Alakbaroov, qondaaltonni Itoophiyaa fi bakka bu’oonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akkasumas dhaabbileen miti mootummaa naannoolee balaa lolaan miidhaman daawwachuun haala jiru madaaluu fi hojii gargaarsaa akkamitti akka guddisan qorataniira jedha gabaasichi.
“Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbileen gargaarsaa nyaata, bakka jireenyaa, bishaanii fi qulqullina, akkasumas deggarsa loojistikii kennaa jiru,” jedha waajjirichi. 
“Dandeettii loojistikii dabaluun alattis, hawaasni jijjiirama qilleensaa wajjin akka walsimu gargaaruuf deebii namoomaa hatattamaa kennuu bira darbee maallaqa dabalataas barbaachisa.”

OCHA’n akka jedhetti, Karoorri Deebii Namoomaa Itoophiyaa bara kanaa, gara doolaara biiliyoona 4tti dhiyaatu kan gaafatu ta’uu ibsuun harka sadii keessaa tokko qofa kan deggaramu yoo ta’u, sunis doolaara biiliyoona 1.3 ta’a jechuun gabaasni latestly.com irraa arganne ni addeessa.

Kun kanaan osoo jiru Africa-newsroom.com kaleessa Save the Children irraa argadhe jedhee akka gabaasetti weerarri dhukkuba koleeraa haaraan naannoo Somaalee Itoophiyaa keessatti mudate daa’immanii fi maatii kumaatamaan lakkaa’aman dhiyeenya lolaan buqqa’aniif gidiraa hammeessaa jira.

Torban lama qofa keessatti namoonni 772 vaayirasichaan qabamuu isaanii kan mirkanaa’ee fi 23 du’a dhukkuba hamaa kanaan galmaa’eera ta’uu fi naannoo Soomaalee keessaa aanaa Qellaaffoo keessa rakkoon jabaachuun namoota dhibee kanaan miidhaman keessaa garri dhibbentaa 80 daa’imman ta’u dhaabbanni Save the Children beeksisee jira.

Exit mobile version