Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhohiinsa guddaa lolaa lubbuu namootaa  galaafate booda uumameen Siishelsi labsii yeroo muddamaa labsuu Associated Press gabaase

ONM-ABO Muddee 8, 2023

Biyya xiqqoo odola Galaana Hindii kan taate Siishelsi Kamisa kaleessaa erga lolaan lubbuu namootaa  galaafate kutaalee biyyattii biroo mudateen  dhohiinsi guddaan uumamuun wal qabatee labsii yeroo muddamaa labsuu Associated Press gabaase.

Lolaa kanaan lubbuun namoota sadii darbuu pireezidaantiin biyyattii himaniiru.

Dhohiinsa naannoo industirii Piroovidensi kan magaalaa guddoo Siishelsi Viiktooriyaa irraa gara kibba bahaatti naannoo kiiloo meetira 7 fagaattu odola guddittii Siishelsi Maahee irratti mudateen namoonni 100 ol madaa’aniiru.

Dhohiinsi kun gamoolee kan barbadeessee fi mukeen naannoo sana jiran kan mancaase yoo ta’u, dhohiinsa kanaan lubbuun namootaa darbe hin jiru.

Namoota lolaa kanaan lubbuun isaanii darbe keessaa lama mana isaanii keessatti akka ta’e aangaa’onni himan.

Pirezidaantiin Siishelsi Waaveel Raamkalawaan ibsa waajjira isaanii irraa kennaniin labsii yeroo muddamaa  kan beeksisan yoo ta’u, biyya namoota 100,000 ol qabdu keessatti manneen barnootaa akka cufaman fi namoonni mana isaanii akka turaniif ajaja dabarsuudhaan tajaajila balaa tasaa fi hojjettoota barbaachisoo biroof bakka hojii isaanii itti hojjetan akka kennan ibsaniiru.

Raamkalawaan Kamisa kaleessaa gaazexeessitootaaf akka himanitti, rooba cimaa fi lolaa kanaan namoonni sadii du’aniiru jedhan.

Dhohiinsa Piroovidensitti mudateen namoonni 125 miidhaan irra caalaan isaa salphaa ta’e kan irra ga’e yoo ta’u, yaala argachuuf gara wiirtuuwwan yaalaa deemuu ibsan.

Angaawoonni akka jedhanitti tajaajilli buufata xiyyaaraa fi doonii idil-addunyaa odola gidduutti ammallee hojjechaa jiraachuu kan himan yoo ta’u, yeroo labsii muddamaa namoonni yoo dirqaman akka imalan taasisuu danda’as jedha.

Siishels bakka tuuristii guddaa yoo taatu, odola qarqara baha Afrikaa irraa fagaattee argamtuudha. Bal’ina lafaa fi baay’ina ummataatiin biyya ardii Afrikaa ishee xiqqoo yoo taatu, odolli baay’ina ummataa qabdu Maayeen dheerinni ishee gara kiiloo meetira 26 fi bal’inni ishee kiiloo meetira 17 qofa.

Naannoon Baha Afrikaa harki guddaan tibbana rooba cimaa fi lolaa lubbuu namaa galaafatuun rukutamaniiru.

Itiyoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaa hundi isaanii lolaa hamaa taatee El Ninootiin mudateen, Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti lubbuun namoota 130 ol darbuu gabaasni Associated Press irraa arganne ni addeessa.

Exit mobile version