ONM-ABO Muddee 15, 2023
Gaayana fi Venezuelaa Kamisa kaleessaa waldhabdee yeroo dheeraaf naannoo boba’aan badhaadhe Essekuyiboo irratti qaban keessatti waldhabdee akka hin hammeessine mootummootni lachuu erga Saint Vincent fi Grenadines keessatti wal arganiin booda waliigaluu Rooyitars gabaase.
Naannoo kaaree kiiloo meetira 160,000 (iskuweer maayilii 62,000) qabu kun akka waliigalaatti qaama Gaayanaatti beekamtii kan argate yoo ta’u, waggoota dhiyoo asitti garuu Veenzuweelaan boba’aa fi gaazii gurguddaan erga argamee naannoo sanaa fi naannoo qarqara galaanaa irratti himannaa ishee deebistee haaromsiteetti
Biyyoonni lamaan ibsa waloo kennaniin ”haala kamiinuun doorsisaa ykn humna wal irratti hin fayyadamnu”, ”jechaanis ta’e gochaan waldhabdee ykn waliigaltee dhabuu keenya kamiyyuu hammeessuu irraa of qusanna” jedhan.
Filattoonni rifarandamii Veenzuweelaa irratti geggeeffame naannoo Essekuyiboo mootummaa haaraa Veenzuweelaa gochuuf tarkaanfii fudhatame erga deeggaranii fi aangoo Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) kan falmii daangaa irratti dhimma kana dhaggeeffachaa jiru erga didanii booda waldhibdeen ji’a kana keessa haalaan dabale.
Pirezidaantiin Veenzuweelaa Nikolaas Maaduroo torban darbe naannoo Essekuyiboo keessatti boba’aa qorachuuf hayyama akka kennan erga dubbatanii booda dhimmichi daran hoo’e.
Prezidaantiin Gaayana Irfaan Alii fi Maaduroo Kamisa kaleessaa buufata xiyyaaraa Kingstown keessatti bakka bu’oota gamtaa siyaasaa fi dinagdee Kaaribiyaan CARICOM, Biraazil, Kolombiyaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Hawaasa Biyyoota Laatiin Ameerikaa fi Kaaribiyaan waliin wal argan.
“Guyyaa bu’aa qabeessa, cimaa, yeroo tokko tokko waldhabdee, bakka dhugaa dubbachuu dandeenyu ture,” jechuun Maaduroon Kamisa galgala Veenzuweelaatti erga deebi’anii booda yoo dubbatan, akkasumas pirezidaantii Gaayana Aliin ”ifaan ifatti dubbachuu fi marii bal’aa gochuuf fedhii qabaachuu isaatiif” galateeffataniiru.
Itti dabaluudhaanis, “Dhugaa Veenzuweelaa ittisuun gatii qaba ture,” jechuun Maduroon walgahii kana injifannoo dippilomaasii jechuun jajataniiru.
Ibsi waloo kun mootummaan Maduuroo ICJf beekamtii akka hin kennine hubachiisus, falmiin akkaataa seera idil-addunyaatiin kan furamu ta’uu ibseera.
Biyyoonni lamaan ji’oota sadan dhufan keessatti marii isaanii Biraazil keessatti akka itti fufan ibsichi dabalee ni addeessa.
Gaayanaan daangaawwan ishee mariif akka hin dhiyaanne kan eegde yoo ta’u, hirmaannaa rifarandamii kanarratti gaaffii kaasteetti. Xiinxaltoonni siyaasaa Karaakaas sagaleen kenname kun filannoo pirezidaantii bara 2024 dura mootummaa isaaniif deeggarsa madaaluuf yaalii Maaduroon godhe malee weeraraaf dursa kennee miti jedhan.
Karoora Maaduroon qorannoo boba’aa hayyamuuf qabate booda, Aliin pirojektoota mootummaa Gaayanaan raggaasifame kanneen Exxon Mobil (XOM.N) fi yeroo dhiyootti Chevron (CVX.N) dabalatuun invastaroota ittiin tasgabbeessuuf yaaleera.
Gaayanaan mirga “misooma kamiyyuu, invastimantii kamiyyuu, walta’iinsa kamiyyuu, daldala kamiyyuu…heyyama kamiyyuu kennuu fi iddoo naannoo keenyaa fi iddoo abbaa biyyummaa keenya keessatti hayyama kamiyyuu kennuu, raggaasisuu fi haala mijeessuu qabdi,” jechuun Aliin kanaan dura gaazexeessitootatti himeera.
Aliin mi’a harkaa kaartaa Gaayana kan Essekuyiboo of keessaa qabu agarsiisu uffachuun falmiin kun karaa ICJ furmaata argachuu akka qabu irra deebi’ee ibseera.
“Gaayanaan waraana barbaadaa hin jirtu, garuu Gaayanaan ittisa biyya keenyaa mirkaneessuuf michoota keenya hunda waliin hojjechuuf mirga qabdi,” jechuun Aliin dabalaniiru. “Qaamoleen lamaan naannichi zoonii nagaa ta’ee akka hafu waadaa galaniiru.”
Naannoowwan galaana irraa – kan Maduroon himannaa hin ibsamne – guutummaa oomisha boba’aa Gaayanaaf itti gaafatamummaa qabu. Diinagdeen Gaayana oomisha sanaan guddachaa kan dhufe yoo ta’u, bara 2027tti guyyaatti barmeela miiliyoona 1.2 ol dhiyeessiti jedhamee eegama.
“Eessayyuu hin deemnu — xiyyeeffannaan keenya qabeenya gahumsaa fi itti gaafatamummaadhaan misoomsuu irratti hafeera, waliigaltee mootummaa Gaayana waliin qabnuun,” jedhan Exxon torban kana.
Itti dabaluudhaanis, mootummaan Maaduroo, Exxon shira rifarandamii kana diiguuf hojjetame maallaqaan gargaaruu keessatti hirmaateera jechuun dubbate ”qoosaa fi bu’uura kan hin qabne ta’uu ibseera.

