Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee aanaa Gola Odaa keessatti uummatni yaalaa fi qoricha ga’aa dhabuun dhibee koleeraatin du’aa fi dhukkubaan rakkachaa jiraachuu Maddeen aanichaa ONMtti himan  

ONM-ABO Mudde 18, 2023

Oromiyaa keessatti murni bilxiginnaa ajandaan isaa inni ijoon dhimma waraanaa irratti qofa kan xiyyeeffatee jiru yoo ta’u, rakkoolee hawaasa miidhaa jiranii fi akkasuma wantoota bu’uuraalee hawaasaaf barbaachisan of duuba deebi’anii ilaaluu dhiisuun dhibee busaa baatilee darban lixa Oromiyaa keessatti uumameen yaala fi qorichaa ga’a dhabuu irraan Kan ka’e lubbuun lammiilee nagaa hedduun darbaa ture.

Tibba kana baha Oromiyaa godina Harargee Bahaa aanaa Gola Odaa magaalaa Burqaa Tirtiraa dabalatee gandoota aanichaa keessatti namoonni dhibee Koleeraatin du’aa jiraachuu fi warroonni dhibichaan qabamanii jiran illee yaala dhabuun rakkoo hamaa keessa jiraachuu jiraattonni himu.

Aanicha keessatti hanga ammaatti namoonni sadii sababa yaalaa fi qoricha dhabuun kan du’an yoo ta’u, namoonni lakkoofaan 35 ta’aan ammoo du’aaf jireenya gidduutti argamaa jiraachuus dabaluun dubbatu.

Aanichuma keessatti maqaa  gargaarsa milishaa jedhuun dirqamaan hawaasa irraa reebanii mallaqa fuudhaa jiraachuu fi akkasuma daldaltoota irratti gibira humnaa olii murteessuun saamicha dirqii raawwachaa jirus jedhaniiru.

Namoota hin qabnu jedhan ammoo maqaa deggaraa waraana bilisummaa Oromooti jedhuun reebichi ulfaataa fi hidhaan irratti raawwatamaa jiras jedhaniiru.

Exit mobile version