Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Caffaa Roobit keessaa Loltuun raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa 1 sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate

ONM-ABO Muddee 25, 2023

Gidiraa murni bilxiginnaa  hawaasa Oromoo irratti raawwachaa jiru ijaan arguu jibbuun akkasuma waliigalteen mooraa isaanii keessa waan hin jirree fi lolli sanyummaa gidduu isaaniitti uumamuu irraan Kan ka’e loltootni sirnichaa gara mooraa qabsoo haqaatti makamaa jiru.

Haaluma kanaan kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Caffaa Roobit keessaa loltuun raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Oromoo ta’e tokko Muddee 23, 2023 mooraa murna bilxiginnaa ganuun gooticha waraana bilisummaa Oromootti makameera.

Miseensi sirnicha ganuun WBO bira ga’e kun qawwee Turkii 1 rasaasa 90, hidhannoo guutuu fi boombiii harkaa 2 fudhachuun nagaan gooticha waraana bilisummaa oromoo bira ga’uu isaa maddeen WBO gamasii addeessaniiru.

Simannaan hoo’aan karaa WBOtiin akka taasifameef kan ibse loltuun kun ilmaan Oromoo sirnicha tajaajilaa jiraniif dhaamsa isaa kan dabarse miseensi kun saba keenyatti dhukaasuu irraa saba keenyaaf dhukaasuu wayya qawwee gabroomfataa baannee saba keenya miidhuu irra WBO waliin taanee qabsoo saba bal’aatti haa dabalamnu,  jechuun dhaamsa dabarfateera.

Exit mobile version