ONM-ABO Muddee 26, 2023
Duguuggaan sanyii koloneel Abiy Ahimediin uummata Oromoo irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun namuu balleessaa isaa malee guyyaa irraa gara guyyaatti rasaasa hidhattoota sirnichaan ajjeefamaa oolu.
Muddee 24, 2023 lixa Shaggar aanaa Ejeree ganda Borcee keessatti namoota lama mana isaaniitti gad baasuun waraana bilisummaa Oromoo nyaata nyaachistan jechuun ija maatii duratti ajjeesuu jiraattotni dubbatu.
Namoonni lubbuu isaanii fi qabeenya itti dhaban kunneen maqaan isaanii Tolasaa Caalaa fi Damisee Lammaa kanneen jedhaman yoo ta’aan, qabeenyi mana isaanii keessa jiru tokkollee osoo hin hafin gubanii barbadeessuun biraa deemuu dubbatu.
Namoonni ajjeefaman kunneen haala suukanneessan rasaasa ija 30 itti dhukaasuun kan ajjeesanii fi eessa akka qabanii awwaalan illee dhabanii rakkachaa turuu hawaasni gandichaa himan.
Maatiin namoota ajjeefamanii kunis manneen isaanii waan jalaa gubatee bakka jireenyaa dhabuun illee rakkoo hamaa keesaa jiraachuus dubbatu.
Oduma ajjeechaan wal qabatuun guyyaa har’aa jechuun Muddee 26, 2023 ganama barii sa’a 12:00 irratti godina kibba lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Abeebee jedhamu keessatti nama nagaa maqaan isaa Dajanee Iddoosaa jedhamu haala suukanneessan ajjeesanii deemu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

