ONM-ABO Muddee 28, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn har’a Muddee 28, 2023 waraana weerartuu PP uummata nagaa, gooluuf bakka Habaqa jedhamu buufattee jirtu mooraa isheetti seenuun ganama sa’a 2:00 irraa eegalee hanga 5:00tti tarkaanfii jabaa irratti fudhateen humna diinaa irraa battalatti 19 ajjeesuun 8 ammoo madeesseera. Kan hafte yeroo gabaasni kun qindaa’etti madoo ishii otoo hin kaasin, facaatee turuun barameera.
Lola jajjabeen WBO guyyaa har’aa taasise kanaan diinaaf lukkeelee diinaa irraa meeshaalee garaagaraa hiikee waraana faashistii PPs baragsuun mooraa qabsoo bilisummaaf Oromoof injifannoo ida’eera.
Lolli WBOn bilisummaa sabichaaf taasisu cimee itti itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

