Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti maatii qabsa’ootaa mana hidhaatti yoo guuran aanaa Begii keessatti ammoo saamicha raawwatan

ONM-ABO Muddee 29, 2023

Kaayyoon murna bilxiginnaa inni ijoon uummata Oromoo saamee akkasuma hidhaan dararee harka  kennachiisee akka barbaadeetti dhiitee bulchuu yoo ta’u, karoora isaanii kanas hojiitti hiikun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti hidhaa hanga saamichaan uummata hiraarsaa jiru.

Uummata qaala’iinsi jireenyaa rakkisee jiraachuuf iyyuu of jibbee jiru irratti gochoota hawaasa abdii kutachisan raawwachaa kan jiran hidhattootni fi kaabinoonni murnichaa lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti bifa haaraan maatii qabsaa’otaa jumlaan guuranii mana hidhaatti darbaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Akkasuma saamichi jiraattota irratti geggeefamu jabaatee itti fufuun aanaa Begii magaalaa Xiilloo bakka Nooraa Badhaas jedhamu keessa gaafa Muddee 27, 2023 qonnaan bulaa maqaan isaanii Hayilee Dhaabaa Korjee jedhamu jalaa sangoota sadi sababa tokko malee jalaa ooffatanii deemuu maddeen himan.

Aanicha keessatti ajjeechaa fi saamichi Akkasuma hidhaan guyyaa guyyaan jabaatee itti fufuu jiraattotni himuun namuu hojjetee dafqa isaa nyaachuuf yeroo jedhutti abbaa irreen harkaa saamamaa fi mancaa’a jiraachuu fi egereen sabichaa yaaddeessuus himu.

Exit mobile version