ONM-ABO Amajjii 3, 2024
Qondaaltonni rooba cimaa, sigiga lafaa fi kirkirri lafaa irra deddeebiin mudatu tattaaffii gargaarsaa gufachiisuu akka danda’u yoo akeekkachiisan, baraartoonni Jaappaan namoota kirkira lafaa Wiixata dheengaddaa bulchiinsa Ishikawaatti mudateen lubbuun hafan barbaaduu itti fufaniiru.
Mootummaan naannichaa Roobii har’aa akka beeksisetti, namoonni 62 du’uun mirkanaa’ee, 300 ol madaa’uu isaanii, isaan keessaa 20 haala hamaadhaan kan miidhaman ta’uu beeksiseera. Lakkoofsi namoota du’anii daran ol ka’uu akka hin oolle akeekkachiiseera.
Kirkirri lafaa humna 7.6 qabu kun Wiixata waaree booda lafa Galaanaatti dhiyoo Nootoo irraa kan mudate yoo ta’u, manneen qarqara galaanaa Kaabaa Suuzuu keessatti argaman diriirsuun ibiddi kutaalee magaalaa Wajimaatti dhiyoo jirtu barbadeesse. Daandiiwwanis cicciree, qormaata barbaachaa fi baraarsaa irratti dabaleera. Namoonni 31,800 ol gaaddisa keessa akka turan mootummaan beeksiseera.
Erga balaan kun mudatee sa’atii 40 ol darbeera. Waa’ee namoota baraarsaa barbaadan odeeffannoo baay’ee arganneerra, namoonni gargaarsa eeggatan jiru,” jechuun muummichi ministeeraa Fuumiyoo Kishiidaa walgahii task force hatattamaa booda dubbataniiru.
Abbootii taayitaa naannoo, poolisii, abidda dhaamsituu fi kutaalee hojii birootiin tattaaffiin baraarsaa kan hojjetamaa jiru yoo ta’u, lakkoofsi hojjettootaa fi sareewwan baraarsaa dabalaa jiru.
Kishiidaan akka jedhanitti mootummaan giddugaleessaa kutaalee lafa galaanaa Nootoo haala hamaadhaan miidhamaniif doonii gargaarsa fiduuf yaalaa jirra, sababiin isaas daandiiwwan waan cicciteef darbuun hin danda’amu.
Humni ofirraa ittisuu Jaappaanis helikooptaroota fayyadamuun gandoota addaan citan ga’aa akka ture dhaabbati oduu Kiyodo gabaaseera.
Ejensiin Meetirooloojii Jaappaan (JMA) roobni cimaan akka eegamu, kunis balaa sigiga lafaa dabaluu akka danda’u ibseera jechuun Aljazeeraan gabaasee jira.

