ONM-ABO Amajjii 5, 2024
Haleellaa Israa’el Kibba Libaanos irratti raawwateen miseensonni Hizbullah hedduun kan ajjeefaman yoo ta’u, haleellaa kanaanis erga wal waraansi Gaazaa keessatti eegalee naannoo sanatti miidhaa jabaa hidhattoota Iraan wal hidhata qaban irra ga’ee dha.
Haleellaa qofa qpfaatti Roobii darbe raawwatameen yoo xiqqaate miseensonni garee kanaa sagal ajjeefamuu isaanii dhaabbati oduu Rooyitars gabaaseera.
Waraanni Israa’el viidiyoo halkanii haleellaa kanaa kan gadhiise yoo ta’u, kunis bu’uuraalee waraanaa Hizbullaah fi “meeshaalee ilaalchaa” ganda Yarohun kan kibba Libaanos bulchiinsa Nabatiye keessatti argamtu, kan qubsuma Israa’el Yir’on fi Avivim kaaba Israa’el irraa daangaa ce’ee argamtu irratti raawwatame dabalateeti.
Viidiyoon kun boombiin Israa’el gamoolee mana jireenyaa hedduu naannoo gamoolee siiviilii birootti argaman rukutee barbadeessuu agarsiisa.
Onkoloolessa 8 irraa eegalee daangaa waraana Israa’elii fi Hizbullaah gidduutti walitti bu’iinsa itti fufee jiruun lammiileen nagaa Libaanos kudhanootaan lakkaa’amanii fi miseensonni Hizbullaah 140 ol du’aniiru.
Israa’elii fi gareewwan hidhatan kibba Libaanos – Gaazaa irraa gara KM 200 (maayilii 124) fagaatan, keessumaa Hizbullaah, daangaa Israa’el fi Libaanos kan Mootummoota Gamtoomaniin sakatta’amu qaxxaamuruun yeroo baay’ee deddeebi’ee fayyadama.
Haleellaan kun kan raawwatame Kibxata darbe yoo ta’u, haleellaa diroonii magaalaa guddoo Libaanos Beerut keessatti raawwatameen itti aanaa hogganaa Hamas Saaleh al-Arouri ajjeefamuun wal qabatee wal dhabdee olaanaan uumamuu danda’a jechuun sodaa jiru Aljazeeraan gabaaseera.

