Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

US fi Iraaq tumsa Ameerikaan durfamu xumuruuf marii jalqabuuf waliigalan

ONM- ABO Amajjii 26, 2024

Ameerikaa fi Iraaq gamtaa waraanaa Ameerikaan durfamu Iraaq keessatti argamu egeree isaa irratti marii jalqabuuf kan waliigalan yoo ta’u, kaayyoon isaas guyyaa loltootni kun Iraaq keessaa itti ba’an ka’uun turtii humnoota kanaa xumuruu irratti waliigaluu mootummaan lamaanuu beeksisaniiru.

US bara 2003 yeroo weerara Iraaqiin weerartee kaasee hanga ammaa biyyattii keessatti argamti.

Humnoonni waraanaa Ameerikaa bara 2011 kan ba’an yoo ta’u, loltoonni kumaatamaan lakkaa’aman garuu bara 2014tti mootummaan Iraaq ISIL (ISIS) akka injifatuuf deebi’anii gargaaraniiru.

Waggoota sana booda humnoonni Ameerikaa ergamaa fi leenjii farra ISIL gaggeessuuf achitti hafan jiraachuun isaanii garee milishootaa fi namoota siyaasaa Iraan waliin hidhata qaban Iraaq keessatti dhiibbaa guddaa qabaniif sababa ta’eera.

Ministeerri Dhimma Alaa Iraaq ibsa Kamisa kaleessaa baaseen Bagidaad akka jedhetti yeroo beekamaa ta’e kan humnootni idil addunyaa Iraaq keessaa itti ba’an ka’uun, gorsa isaaniis xiqqeessaa deemuun guutuutti Iraaq keessaa ergama gamtaa USn durfamu kanaa xumuruu dha jedhan.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa Looyd Oostiin ibsa kennaniin akka jedhanitti mariin kun qaama komishinii waraanaa olaanaa Hagayya 2023 irratti waliigaltee irra ga’amee ture – osoo waraanni Israa’el Gaazaa irratti Onkoloolessa 7 naannicha hin raasiin dura kan gaggeeffamu ture yoo ta’u, ce’umsi kun “gara tumsa nageenyaa waaraa biyyoota lamaanii Iraaq fi Ameerikaa gidduutti ta’u” kan uumuu dha jedhan.

Mootummaan Iraaq gama isaatiin ISIL mo’amee hojiin gamtichaa xumuramuu isaa ibsuun, leenjii fi meeshaalee irratti tumsa waraanaa dabalatee miseensota gamtichaa waliin hariiroo biyyoota lamaanii uumuuf qorachuuf fedhii guddaa qabaachuu ibsa.

Qondaaltonni Ameerikaa fi Iraaq akka jedhanitti adeemsi kun ji’oota hedduu fudhatus yeroo dheeraa hin fudhatu kan jedhan yoo ta’u, bu’aan isaa ifatti hin kaa’amne akkasumas loltootni Ameerikaa ammatti ba’anis hin jiran.

Waashingitan saffisaan bahuun qaawwaa nageenyaa uumuun morkattootni ishee guddaan Iraan ykn ISIL, kan naannoo gammoojjii keessatti riphanii haleellaa sadarkaa gadi aanaa fudhachaa jiran haleellaa isaanii guddisu danda’a jechuun ibsuu ishee Aljazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version