ONM-ABO Muddee 3, 2024
Gareen maafi’aa PP saamicha daangaa hin qabne ilmaan Oromoo irratti taasisuun dinagdeen sabichaa dadhabsiisuuf jecha guutuu Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo hiraarsuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Akkuma kanaanis Amajjii 28, 2024 kaadirootni sirna PP fi milishootni waliin ta’uun godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan gandoota baadiyyaa fi magaalaa irraa namoota oomisha irra jiran tokko tokkoo isaanii qabeenyaa saamaa jiraachuun himame.
Akka jiraattotni jedhanitti namootni midhaan kuntaala 4 fi maallaqa guddaa saamamaa akka jiran kan himuun, namoota maallaqa jedhamee fi midhaan kaffaluu dadhaban ammoo hidhaan hiraarsaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

