Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Iraan US haleellaa daangaa ishee dabartee geggeessinaan deebii laachuuf duubatti akka hin jenne ibsite

ONM-ABO Guraandhala 6, 2024

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Naasiir Kanaani torban torbaniin ibsa gaazexeessitootaaf kennan irratti, “Rippabilikni Islaamaa Iraan yeroo hunda balaa nageenya, naannoo fi abbaa biyyummaa ishee irra ga’u kamiifuu deebii murteessaa akka kennitu agarsiifteetti,” jechuun AFP gabaaseera.

Iraan haleellaa naannoo ishee irratti raawwatamu kamiyyuuf deebii kennuudhaaf ”dandeettii isheetti fayyadamuu irraa duubatti hin jettu” jechuun kan mirkaneessan yoo ta’u, Teehiraan ”waldhibdee fi rakkoo naannichaa hammeessuu hin barbaaddu” jedhan.

Dilbata dheengaddaa Ministirri Dhimma Alaa Iraan Hoseen Amiir-Abdollahian gocha weeraraa dhiheenya kana biyyoota Eeshiyaa Dhihaa irratti raawwatame balaaleffachuun Ameerikaa fi UK dheekkamsi biyyoota kanneenii akka isaan qoru akeekkachiisaniiru.

Amir-Abdollahian barreeffama isaa fuula X (duraan Twitter) irratti barreesseen Iraan haleellaa qilleensaa yeroo dhiyoo asitti Yaman irratti Ameerikaa fi Biriteeniin raawwatame, akkasumas tarkaanfii xiyyaaraa lubbuu namaa galaafate humnoonni Ameerikaa Iraaq fi Sooriyaa keessatti bakkeewwan hedduu irratti raawwatan balaaleffachuu ishee ibseera.

“Haleellaa waraanaa Ameerikaa fi Ingiliziin Yaman irratti raawwatanii fi weerara Ameerikaan Iraaq fi Sooriyaa irratti raawwatte cimsinee balaaleffanna.
Nageenyi Iraaq, Sooriyaa, Yaman fi Falasxiin (Gaazaa fi West Baankii) akka nageenya naannichaatti ilaalla,” jechuun ministeerri haajaa alaa Iraan kun Iraan ibseera.

US Iraan bakka bu’oota ishee — Huutii, Hizbullaah fi Diddaa Iraaq — guutuu naannichaa keessatti gadhiisuudhaan waldhabdee Gaazaa hammeessiteetti jettee himatti.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawus Jake Sullivanon Dilbata darbe akka jedhanitti, Ameerikaan dhaabbilee Siiriyaa fi Iraaq keessatti Iraan irraa deeggarsa argatan irratti haaloo bahuu ishee itti fufti.

Ameerikaan kallattiin Iraan duukaa deemuu dhiisuu ishee ilaalchisee gaaffii dhiyaateef deebii kennaniin, Sullivan NBCtti akka himanitti, ”waa’ee waan nuti keessa jirruu fi hambifnu dubbachuun koo ogummaa hin ta’u” jedheera.

Erga waraanni Israa’el fi Hamaas Onkoloolessa 7 jalqabee waldhabdeen naannoo sanaa dabaluu isaatiin gareewwan Iraaq, Sooriyaa, Yaman fi Libaanos keessatti Iraaniin deeggaraman Falasxiinota waliin gamtaadhaan akka dhaabbatan taasiseera jechuun Hindustantimes.com gabaaseera.

Exit mobile version