ONM-ABO Guraandhala 16, 2024
Uummanni Oromoo yeroo ammaa Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti gaagaa’ama hamaa keessatti kufanii kan jiran yoo ta’u, kaabinoonnii fi waraanni sirnichaa gochoota dhala namaa irratti hin raawwatamne hawaasa nagaa irratti dalaguun dararaa raawwachaa jiru.
Harargee bahaa aanaa Gola Odaa magaalaa Burqaa keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 15, 2024 abbaa maatii jahaa kan ta’e nama maqaan isaa Hamzaa Bahaa jedhamu jalaa mana isaa diiguun isa irrattis reebicha ulfaataa erga raawwataniin booda mana hidhaatti galchanii jiraachuus ibsan.
Maatii isaa Urjii Hamzaa fi Mawardi Hamzaa kan jedhaman irrattis reebicha hamaa irratti raawwachuun bakkeetti gatanii akka deeman dabaluun dubbatu.
Namni maatii kana irratti gochoota fokkisoo raawwate kun Muhaammad Ahimad bulchaa gandaa akka ta’es dabaluun ibsaniiru.

