Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yemaaloogii Walal keessatti daldaltoota horii ajjeesanii awwaalan

ONM-ABO Guraandhala 17, 2024

Murni maafi’aa PP waraana isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun ajjeechaa raawwachaa jiru itti fufuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Yemaaloogii Walal ganda Burqaa Loomicaa bakka Dimboo jedhamutti namoota horii bitanii daldalan ajjeesanii firoota isaanii dhoksanii awwaaluu jiraattotni himan.

Kibxata darbe gaafa Guraandhala 13/ 2024 waraanni faashistii kun nama Abulee Tarfaasaa fi Gammadaa Hirkisaa jedhaman dhalattoota ganda Burqaa Loomicaa kan ta’aan, bakka isaan horii bituu dhaqan ganda Goggofii jedhamtuu qabuun maallaqa irraa saamanii, mooraa waraanaa Dimbootti geessanii dararaa erga turaniin booda achi keessatti ajjeesuun dhoksanii awwaalaniiru jedhu jiraattotni.

Gochi waraana PP kun, heeruu hawaasni kenneen saaxilamuun, guyyaa 2 booda gaafa Kamisaa 15/02/2024 hawaasni yeroo dhaqee gaafatu dhoksuu yaaluun, boodarra hawaasni iyyee hammaannaan reeffa baasanii hawaasaaf kennuus dabaluun dubbatan.

Hawaasni gandichaas gocha waraana bilxiginnaa kana waan beekuuf du’aatii, reebichaa fi hidhaa dabalataa sodaachuun reeffa itti kennan kana fudhatee galee bifa aariin irra deebiin awwaaluu himan.

Akka maddeen gabaasanitti dargaggoon Abulee Tarfaasaa cidha geggeeffachuuf guyyaan cidha isaa torbee tokko qofti akka hafee fi Gammadaa Hirkisaa ammoo abbaa daa’ima lamaa ta’uu maddeen aanaa Yemaaloogii Walal Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version