ONM-ABO Guraandhala 18, 2024
Ameerikaan Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessatti hookkara guddachaa dhufe balaaleffachuun, gocha kanaafis garee hidhatee biyya ollaa Ruwaandaan deggaramu jette komatte.
Guyyoota darban keessa kutaa baha DRC keessatti gareen finciltootaa M23 fi humnoota mootummaa gidduutti lolli ka’ee loltoonni fi namoonni nagaa kurnan hedduun ajjeefamaniiru ykn madaa’aniiru.
Lolli kun lammiileen nagaa kuma kudhaniin lakkaa’aman gara magaalaa bahaa Goomaa kan Haroo Kiivuu fi daangaa Ruwaandaa gidduutti argamtutti akka baqatan taasiseera.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Maatiyoo Miilar ibsa kennaniin, “Hammachuun kun namoota miliyoonaan lakkaa’aman kanneen duraanuu buqqa’iinsa, hanqinaa fi haleellaa dabalatee sarbama mirga namoomaaf saaxilaman irratti balaa dabaleera.
“Ameerikaan deggersa Ruwaandaan garee hidhatee M23f goote balaaleffachuun, Ruwaandaan hojjettoota Raayyaa Ittisa Biyyaa ishee hunda Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo DRC keessaa hatattamaan akka baaftuu fi sirna misaa’ela lafa irraa gara qilleensaatti geessu kan lubbuu namoota nagaa, UN, nagaa eegdota naannoo biroo, qooda fudhattoota gargaarsa namoomaa fi balalii daldalaa baha DRC keessatti geggeeffamu balaadhaaf saaxilu akka buqqistu gaafatteetti” jechuun Miller dabalaniiru.
Sanbata kaleessaa DRCn Ruwaandaan haleellaa dirooniin buufata xiyyaaraa Goomaatti xiyyaara siiviilii miidhe raawwachuu ishee himatteetti.
Naannoo Ruwaandaa irraa akka dhufe ifaadha, kunis birmadummaa naannoo Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo cabseera,” jechuun Letenaal Koloneel Giilaam Ndjike Kaito tamsaasa viidiyootiin dubbataniiru.
Dhaabbanni DRC, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi biyyoonni dhihaa Ruwaandaan qabeenya albuudaa bal’aa to’achuuf jecha finciltoota kana deggartee jirti jechuun himatan, haa ta’u malee Kiigaaliin kana haaltee jirti.
Afrikaan Kibbaa loltoota 2,900 erguun humnoota DRC’f garee hidhate kana irratti deggarsa akka gootu Roobii darbe ibsiteetti.
DRCn waggoota kurnaniif gareewwan finciltootaa hedduu naannoo bahaa qabeenya guddaa qabu keessatti duguuggaa sanyii Ruwaandaa booda uumaman waliin waraana keessa turte.
Bara 2012 waraana DRC irraa adda bahee kan ture M23, Tutsiin saba Koongoo DRC keessatti loogiin gosaa isaan mudachaa jiru ittisuuf falmachaa jirra jedha jechuun Aljazeeraan gabaaseera.
