ONM-ABO Guraandhala 19, 2024
Waraana shiftaa Abiy Ahimediin ajjeechaan uummata nagaa irratti Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti raawwatamu cimee kan itti fufee jiru yoo ta’u, namoonni hedduunis balleessaa isaanii malee akka baalaa harca’aa jiru.
Ajjeechaan seermalee hidhattoota Shiftaa Abiy Ahimediin raawwatamaa jiru kunis qorqalbii hawaasaa miidhee kan jiru yoo ta’u, lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Haci’oo Hordaatti dargaggoo sammuun isaa hir’uu ta’e kan maqaan isaa Kamaal Sabbooqaa Qannoo jedhamu waajjira gandaa biratti dheengadda Guraandhala 17, 2024 rasaasa itti roobsanii ajjeesan jedhu jiraattotni.
Dargaggoon ajjeefame kun nama hirina sammuu qabu yoo ta’u balleessaa tokko malee karaa irraa qabuun rasaasa itti roobsanii akka ajjeesan ibsan.

