Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee Boolee Bulbulaa bakka Rifeentii jedhamu keessatti murni faashistii PP jiraattota kuma lamaa ol lafa isaanii irraa buqqisuuf akeekkachisuun himame

ONM-ABO Guraandhala 27, 2024

Impaayera Itoophiyaa keessatti nagaaf tasgabbiin dhibuu irraan kan ka’e jiraattotni goolumsa guddaa keessa kan jiran, bilxiginnaan bulchinsa dimookiraasii diriirsuun dirree siyaasaa babaldhifna jechaa duubaan ammoo abbaa irrummaa isaa mul’isuu irratti xiyyeeffatee jira

Bifuma kanaanis dheengadda Guraandhala 23, 2024 kaadirootni PP jiraattota bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee Bulbulaa bakka addaa riifeentii jedhamu keessaa namoota Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa dhufanii achitti mana ijaaratanii jiran iddoo biraatii isiniif kennina jechuun mana jireenyaa keessan gadi lakkisuun akka deemtan jechuun ajaja dabarsuun himame

Kaayyoon murni bilxiginnaa qabatee namoota buqqisaa jiruuf akka jiraattotni jedhanitti rakkoo dinagdee impaayeerattii mudatee jiruuf abboota qabeenyaatti maqaa Inveestimeentii jedhuun lafa kana gurguruun waraanaaf oolchuuf akka ta’es himu.

Akka karoora sirnichi qabatee ba’ee jirtutti namoota baay’inni isaanii 2000 ol ta’an buqqisuu akka ta’e dabaluun himaniiru.

Godina Jimmaa aanaa Qarsaa keessatti waraanni maafi’aa PP hidhaa fi dararaa jiraattota irratti jabeessuun beekame

ONM-ABO Guraandhala 27, 2024 Murni bilxiginnaa uummata Oromoo kolonii habashaa jalatti qabee bulchuuf jecha hojiilee hamoo namoota qulqulluu irratti taasisaa jiru jabeessee itti fufuun godina Jimmaa aanaa Qarsaa keessatti namoota hiraarsuu jabeessee jira.

Guraandhala 25, 2024 aanaa Qarsaa ganda Gunjuu Jedhamu keessatti kaadirootni PP hawaasa wal-tajjii baasuun hundi Keessan WBO deggertu jechuun hawaasa nagaa guyyaa guutuu aduu keessa dhaabbachiisaa ooluun namoota maqaan isaanii Amaladdiin Ahimed fi Faayiz Rashiid jedhaman qabuun akka hidhan jiraattotni dubbatu

Akka jiraattotni gamasii ONM dubbise himanitti, rakkooleen golee Oromiyaa biroo keessatti taasifamaa ture yeroo ammaa gara godina Jimmaatti babal’achuun namnuu ba’ee galuun itti ulfaatee jiraachuus dabaluun himaniiru.

Exit mobile version