ONM-ABO Guraandhala 28, 2024
Ajjeefamuun ilmaan Oromoo impaayera Itoophiyaa keessatti gatii dhabuun koreen sirni bilxiginnaa qindeessuun caasaa gubbaa irraa kaasee hanga gadiitti ijaaruun bobbaase namoota nagaa hidhuu, qe’ee irraa buqqisuu, saamuu fi ajjeesuu irratti fuulleeffatee jira
Akkuma kanaanis godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Siree Guddoo keessatti dargaggoo hojii qonnaa hojjetee jiraatu Muraad Badiruu Jedhamu Guraandhala 26,2024 waraanni maafi’aa PP yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesani akka gatan jiraattotni himaniiru
Rakkooleen waraanni gabroomsaa PP raawwachaa jiru akka guutuu godinichatti, uummatatti yaaddoo ta’uun namootni hedduun maqaa WBO deggerta jedhuun saamicha, hidhaa fi ajjeesanii dhoksuun mul’ataa waan jiruuf manaa ba’aani galuun itti ulfaatee jiraachuus dabaluun himaniiru.

