• Thu. Mar 12th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Gindabarat fi Jalduu keessatti namoonni nagaan rasaasa sirnichaan madaa’uu fi manni nama dhuunfaa tokkos gubachuun beekame

Mar 6, 2024

ONM-ONM-ABO Bitootessa 6, 2024

Biyya isaa keessatti nagaan jiraachuu kan dadhabe uummanni Oromoo waggoota murni bilxiginnaa aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee ajjeechaa jumlaa dabalatee alaa manni isaa nagaa dhabuun qabeenyi isaa gubachuun barbadaa’uu fi dafqi isaa haala seera hin qabne saamamaa jira.

Haaluma kanaan Bitootessaa 4, 2024 sa’a booda Aanaa Gindabarat magaalaa Kaachisii keessaa hidhattootni sirnichaa gara ganda Waasha bakka addaa Gabaa Dafinoo jedhamutti dubartoota lama rasaasaan rukkuchuun madeessan.

Dubartootni madaa’a kunneenis Aaddee Gaaddisee Dibaaba Baatuu haadha ijoolle tokkoo fi Aaddee Qabbanuu Tasfaa Tarrafaa kanneen jedhaman yoo ta’an, hanga gabaasni kun qindaa’etti yaala illee akka hin arganne jiraattotni dubbatan.

Guyyuma dheengaddaa Bitootessa 4, 2024 godinichuma aanaa Jalduu ganda Gooroo keessatti manguddoo maqaan isaanii Baayisaa Xaafaa jedhamu jalaa mana isaa guutummaatti mi’a mana keessaa osoo hin baafatiin jalaa gubanii yoo barbadeessan, horii, midhaanii fi wantoota socho’u danda’u guutummaatti jalaa fudhatanii deemus jiraattotni ONMtti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading