Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Naqamtee ganda 07 keessatti namoonni hedduun yeroo dheeraaf achi keessatti hidhamanii jiran mana murtiitti osoo hin dhihaatin jiraachuu maatiin hidhamtootaa ONM’tti himan

ONM – ABO Bitootessa 9, 2024

Baatiileewwan darban keessa ilmaan Oromoo maqaa adda addaa itti maxxansuun akkasumas tibba Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo labse ilaalchisuun murni aangoo irra jiru bilxiginnaan namoota hedduu ukkaamsuun mana hidhaatti naquun ni beekama.

Akka jiraattotni tokko tokko jedhanitti namoota tibbanoota sana hidhaman keessaa inni maallaqa qabu maallaqa humnaa olii kaffalee akka ba’aa ture dubbachuun kanneen maallaqa hin qabne ammoo mana murtiittis dhihaatanii yakki isaanii osoo hin ilaalamin jiraachuu ibsan.

Mana hidhichaa keessa namoonni hedduun hidhamanii jiraachuu ibsuun namoonni maqaan isaanii Abbaa Carraa, Mujjaa’idee fi Caalchisaa jedhaman baatii tokkoo oliif mana hidhichaa keessatti dararamaa jiraachuun isaaniis beekame.

Akkasuma guyyaa irraa gara guyyaatti namoonni karaa irraa butamanii achi buutee dhabamsifamaa jiraachuu fi saamichi halkanii hidhattoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti geggeefamaa jirus jabaatee uummatatti yaaddoo ta’uu ibsaniiru.

Exit mobile version