ONM – ABO Bitootessa 9, 2024
Pirezidaantiin Maakii Saal filannoo pirezidaantii jalqaba Guraandhala 25’tti gaggeeffamuuf ture daqiiqaa dhumaa irratti yeroo biraatti dabarsuudhaan Senegaal rakkoo keessa galchanii turan.
Ji’a tokkoof filannoon geggeeffamu mirkanaa’uu dhabuun biyya keessaa fi alaatti iyya erga kaasee booda, qaamni heera mootummaa olaanaa biyyattii Kamisa dheengaddaa Bitootessa 24, osoo aangoon pirezidaantummaa Saal hin xumuramin dura akka geggeeffamu sagalee kennuun waliin waliigaleera.
Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa, Muusaa Faaki Mahaamaat, “rakkoo dhaabbilee Senegaal keessatti uumame karaa nagaa furuuf” nagaa dhaamaniiru.
Murteen Saal Ebla 2 aangoo gadhiisuu isaa dura filannoo gaggeessuun “hidda gadi fagoo fi dandamachuu dimokiraasii Senegaal keessatti mul’isu, kan Afrikaan yeroo hunda itti boontu” jedhan.
Ibsichi Gamtaan Afrikaa taajjabdota akka bobbaasu ibseera.
Murteen kun “dandeettii guddaa” dimokiraasii fi olaantummaa seeraa Senegaal keessatti agarsiisa jechuun dubbi himtuun Komishinii Awurooppaa Nabila Massrali Kamisa dheengaddaa ibsiteetti
Gamtaan Awurooppaa “duulli filannoo karaa nagaa fi filannoo amanamaa fi iftoomina qabu akka gaggeeffamu” gaafateera.
Ameerikaan ergaa fuula X, duraan tiwiitara ture irratti, Ministeera Dhimma Alaatti Biiroon Dhimma Afrikaa Kamisa maxxanseen deebii kenniteetti.
“Ummata Senegaal fi deeggarsa hin sochoone dimokiraasii, filannoo bilisaa fi haqa qabeessa ta’eef taasisan waliin dhaabbanna,” jedha barreeffamni kun.
Faransaay filannoo Bitootessa 24 geggeeffamuu murtaa’e kana ga’ee Mana Maree Heera Mootummaa fi Saal qaban jajachuun, kunis “cimina dhaabbilee dimokiraasii ragaa ba’a” jechuun dubbi himtuun ministeera dhimma alaa dubbatteetti.
Duulli filannoo Sambata irraa eegalee Jimaata Bitootessa 22 akka xumuramu gabaasa AFP irraa argate France 24 gabaaseera.

