ONM-ABO Bitooteessa 15, 2024
Ajjeechaan Oromiyaa keessatti adeemaa jiru gaddaa fi rakkina ulfaataa maatii Oromoo irratti fidee mul’achaa kan jiru yeroo ammaa maatiin ilmaan koo nagaan manaa ba’an nagaan naaf deebi’uu yeroo eeganitti reeffi qe’eetti galuu ta’ee mul’achaa jira.
Bitootessa 14, 2024 godina kibba lixa shaggar aanaa Tolee magaalaa Habeebee keessatti dargaggoo nagaa kan maqaan isaa Nugusee Leellisaa jedhamu yakka tokko malee bulchiinsa magaalaa Habeebee keessatti waraanni maafi’aa PP rasaasa itti roobsuun ajjeesuun beekame.
Akka jiraattotni jedhanitti dargaggoo Nuguseen nama jaalala guddaa hawaasa irraa qabuu fi hirmaannaa siyaasaa keessaa hin qabne ta’uu himuun, yakki irra deddeebiin hawaasa ona Tolee irratti ta’aa jiru yaaddoo ulfaataa jiraattotatti uumee jiraachuus dabaluun himaniiru.

