ONM-ABO Bitootessa 15, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa humna PP kan saamicha, gudeeddaa fi ajjeechaa jumlaatiin uummata Oromoo hiraarsaa turte irratti tarkaanfii kaleessa Bitootessa 14 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Gaalee Magaadaa irratti fudhateen loltoota PP 17 battalatti yemmuu ajjeesuu 11 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Gama meeshaatiin PKM 1, AKM 5, rasaasa PKM 670, rasaasa AKM 353, hidhannoo 4 fi uffataalee garaagaraa irraa hiikkatuun Dantaa Qabsoo Bilisummaa Oromootii galii taasisee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa.
Injifannoon Uummata Oromoof!

