Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni PP Oromiyaa keessatti leenjii gaachana sirnaa, miliishaa fi koreen Nageenyaas ajjeechaa itti fufee jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 27, 2024

Akka Oromiyaatti namni dhukaasuu danda’u kamuu dirqamaan leenjii gaachana sirnaa fi miliishummaa fudhachuu qaba jechuun PPn dargaggootaa fi abbootii maatii humnaan dirqisiisuun gara moonaa leenjiitti oofaa jiru.

Leenjiin kunis waa sadiif leenjifamaa akka jiru keessa beektonni kan dubbatan yoo ta’u, innis:-

  1. Loltoonni PP jalaa dhumaa fi diigamaa waan jiraniif, yaaddoo guddaa keessa seenuun dirqama naannoo eeguu isaanitti kennuuf,
  2. Dubbiin jabaataa yoo dhufe, dirqama impaayericha tiksuu isaanumatti kennuuf
  3. Fiilmii baratamaa, wiiggii ykn rifeensa namtolchee itti uuwwisuun uummata ittiin hiraarsuu fi boodarra WBO qabanne jechuun olola sobaa ittiin oofuuf akka jiran keessa beektonni himaniiru.

Gama biraatiin waraanni PPn Oromiyaa bakkoota gara garaa keessatti uummata wal ga’ii baasuun, dirqama koreen dhoksaan itti kenne uummataaf ifoomsaa jiru. Dirqamni “ajjeesaa” jedhu qaama olii irraa nutti kennamee waan jiruuf, kana booda nama shakkinu mara ni ajjeefna, isin fixnaa nu beekaa jechuun hawaasa doorsisaa jiraachuu maddeen dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version