ONM-ABO Bitootessa 28, 2024
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Telegram https://Arraataabiyyoolessaaoromiyaa kan amma 29.9K fi https://www.facebook.m/ArraataONM 68K qabuun odeessaalee miidhaa hawaasaa, tarkaanfii WBO fi karoora diinaa ittiin hawaasa biraan ga’aa ture.
Haa ta’u malee jijjiirama Arraata Biyyoolessa Oromiyaa keessatti taasifamaa jiruun obbo Xiiqii Dhugasaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa keessaa akka dhaabbatan yeroo taasifamanitti password Telegram fi Facebook Arraataa akka kennaniif gaafatamanii diduun qophii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa fuula miidiyaa hawaasaa haaraa banate (Facebook, telegram, YouTube fi Rumble) irraa buufachuun jala bu’anii maqaa wal fakkaataa Dhaabnii ABO-WBO itti fayyadamu Arraata Biyyoolessa Oromiyaan maxxansaa jiru.
Mormiin namni dhuunfaa tokko qajeelfama Dhaabaa didee hojjetu sirrii akka hin taane hubachiisaa, Telegram 29.9K qabuu fi Facebook’n Arraata ONM 68K namni kun of harkatti qabatee hojjechaa jiru kan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa akka hin taane akka hubattan jenna.
Kanaaf hordoftootni keenya obbo Xiiqii Dhugaasaa hojii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irraa dhaabbachuu isaanii hubachuun toorri Telegram Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ammatti miidiyaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ABO-WBO itti fayyadamu https://t.me/onm_AbO11 29.8K akkasumas Facebook’n https://www.facebook.com/ArraataONM 6.1K ta’uu beektanii akka asiin hordoftan kabajaan isin beeksifna.
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa
Sagalee Cunqurfamtootaa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

