ONM-ABO Ebla 5, 2024
Mootummaan abbaa irree bilxiginnaan badii fi gochaa hamaa namoota yakka homaa hin raawwanne irratti jabeessuun dirqiin leenjii miliishummaa fi kaffaltii inshuraansii fayyaa maqaa jedhuun hiraarsuu jabeessee jira.
Akkuma kanaanis godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti murni bilxiginnaa yeroodhaa yerootti kaffaltii inshuraansii fayyaa jedhee hawaasa hiraarsaa turuun kan himamu yoo ta’u, kanuma bu’uura godhatee waggaatti marsaa 2 fi isaa ol gaafachaa jiraachuus dubbatu.
Akka aanaa Shanan Dhuuggootti araddaalee hunda irraa qarshii gaafataman namoonni dhaban mana hidhaa onichaa keessatti dararamaa akka jiranis dabaluun himaniiru.
Oduu biraatiin ammoo namoonni umrii dardarummaa fi maanguddummaa keessa jiranis onicha keessatti maqaa leenjii miliishummaan qabamanii akka jiranis beekameera.
Namoonni maatii isaanii irraa qabamanii jiranis ilmaan isaanii waan nyaatan dhabuun rakkoo ulfaataa keessa akka jiranis jiraattonni onichaa ONM’tti himaniiru.

