ONM-ABO Ebla 10, 2024
Uggurri pirezidaantii duraanii Jaakob Zuumaa paartii MK kaadhimamaa Filannoo akka hin taane irratti murtaa’e kaafameera.
Manni murtii Afrikaa Kibbaa Kibxata kaleessaa murtii aanga’oonni filannoo pirezidaantiin duraanii Jaakob Zuumaa filannoo waliigalaa biyyattii baatii dhufu gaggeeffamu irratti akka hin hirmaanne dhorkan kuffiseera.
Lammiileen Afrikaa Kibbaa Caamsaa 29 paarlaamaa haaraaf sagalee kan kennan yoo ta’u, paarlaamaanis dabaree isaatiin pirezidaanticha ni filata.
Komishiniin Filannoo Walabaa ji’a darbe Zuumaan paartii (MK) bakka bu’uun teessoo Paarlamaa akka hin dorgomne dhorkuuf murteesse.
Komishiniin Filannoo Walabaa Zuumaan bara 2021 murtii tuffii mana murtiitiin itti murtaa’ee fi hidhamuu isaatiin ulaagaa guutuu isaa dhorke ture.
Malaammaltummaa mootummaa isaa jalatti qoratu irratti ragaa bahuu erga didee booda ji’a 15 itti kan murtaa’ee ture yoo ta’u, Manni Murtii Filannoo murtii kana kuffiseera.
Afriikaan Kibbaa namoota adabbii maallaqaa kaffaluu malee hidhaa ji’a 12 ol itti murtaa’e filannoo irratti hirmaachuuf hin hayyamtu.
Paartiin MK qooda sagalee paartii biyya bulchaa jiru Kongiresii Biyyoolessaa Afrikaa (ANC) irraa ni fudhata jedhamee eegama.
Qorannoon yaada akka agarsiisutti, ANCn kan malaammaltummaa hedduudhaan raafame, erga bara 1994 xumura Appaartaayidii booda yeroo jalqabaaf paarlaamaa keessatti sagalee caalmaa guutuu dhabuu danda’a jedhamee tilmaama.
Paartiin MK bulchiinsa bahaa Kiwa Zulu-Natal kan naannoo Zuumaa ta’e keessatti deggarsa guddaa akka argatu tilmaamameera jechuun Dochii Waleen gabaaseera .

