Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar Aanaa Boosat keessatti ajjeechaa fi hidhaan hidhattoota garee maafi’aa PP’n raawwatame

ONM-ABO Ebla 10, 2024

Akeeka uummata Oromoo lafa irraa duguuguu karoorfatanii hojiitti kan jiran murni bilxiginnaa loltoota isaaf amanamoo ta’an kanneen ajjeechaa qofaa raawwatan leenjisee hawaasa harka qullaatti bobbaasuun duula duguuggaa sanyii raawwachaa jiru.

Uummanni Oromoo impaayera Itoophiyaa keessatti mirga lubbuun jiraachuu dhabuun guyyuu dhiigni namoota qulqulluu dhangala’aa kan oolu yoo ta’u dararaa kanaaf jechas uummatichi gara itti baqatu dhabuun dabaree qe’ee isaa irratti du’a eeggachaa jira.

Aanaa Boosat ganda Nuuraa Haasee keessatti dargaggootni Shan sababa tokko malee waraana Bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabdu jedhamuun kan qabaman yoo ta’u dargaggoota shanan kana keessaa dargaggoon Siraaj Nuurii jedhamu battalumatti rasaasaan tumanii gaafa Ebla 6, 2024 ajjeesuu jiraattotni himan.

Akkasumas abbaa dargaggoo kanaas waggaa darbe keessa akka ajjeesan jiraattonni dubbachuun, ganda Siifaa Battee keessatti ammoo manneen qonnaan bultoota hedduu gubuun barbadeessaniiru.

Dabalataanis ganda Rukeechaa Bokoree jedhamu keessatti haadha daa’immanii fi jaartii umriin ishee ganna 70 olii aaddee Akkafeetee Bojoraa kan jedhamtu maqaa hariiroo waraana bilisummaa Oromoo qabda jedhuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun beekameera.

Aaddee Akkafeeteen ilmaan 10’n kan qabdu yoo taatu, baroota dhufaa darbaa mootota impaayerrattii bulchaniin dararamaa hanga har’aa akka geesses jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version