ONM-ABO Ebla 10, 2024
Hidhattoonni finxaaleeyyiii Amaaraa Faannoon murna bilxiginnaan tumsaman daangaa cabsuun naannoo Oromiyaa erga seenanii qabee badii isaan geggeessaa jiran hawaasa Oromoo hanga lubbuutti gaaga’aa jiraachuun himame.
Keessumaa badii waggoottan as dhiyoo bal’inaan hawaasa mudataa jiruun hawaasni Baha Wallagaa miidhaa ulfaataa keessa jiraachuu himachuun, gochi badii kunis tumsa murna faashistii PP’n akka ta’es dabaluun ibsan. Torbanoota as dhiyoo keessas onoota Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Limmuu fi Eebantuu keessatti haalaan namoonni saamamaa fi ajjeefamaa akka jiranis dabaluun dubbatu.
Gareen badii finxaaleeyyiii Amaaraa haleellaa daangaa darbuun raawwataa jiran kunneen jibba Oromummaa qabaniif jecha sanyii duguuggaa guddaa adeemisaa akka jiranis himuun, hawaasni onoota Baha Wallaggaa rakkoo ulfaataa keessa jiranis haalli jireenya isaanii yaaddoo itti uumee jiraachuus ONM’f ibsaniiru.

