ONM-ABO Ebla 10, 2024
Hanqina wal qixxummaa fi diimokiraasii akkasumas bulchiinsa gaariitiin biyya itti dhalatanii fi jaallatan dhiisanii jireenya baqattummaaf kan saaxilaman ilmaan Oromoo biyyoota Itoophiyaa daangessan hedduu keessatti faca’uun dararaa guddaan irra ga’aa jira.
Baqattoonni Oromoo biyya Sudaan keessa jiraatanis carraan kun isaan mudachuun, hidhaa, reebichaa fi ajjeechaan irratti raawwatamaa akka jiru dubbataniiru.
Wal dhibdeen qondaalota Waraanaa Sudaan gidduutti erga mudatee kaasee, raayyaan ittisa biyyattii baqattoota biyyattii keessa jiran irraa shakkii guddaa qabaachuun, isin mootummaa Itoophiyaa waliin hariiroo ni qabdu jechuun hidhaa fi ajjeesaa jiraachuu baqattoonni kunneen dubbataniiru.
Akkaatuma kallattii mootummaan Sudaan kaa’een, baqattootni Itoophiyaa biyya Sudaan keessa jiran bakka argamanitti qabamanii haa hidhaman jedhameen magaalaa Umdurmaan keessatti baqattoota walitti qabuun konkolaataan guuranii deemanii reebanii caccabsuun kaan yoo hidhan kanneen miidhaman ammoo mana yaalaa magaalichaatti yaalamaa jiraachuus dabaluun himaniiru.
Haala kana keessatti dubartoonni garaatti baatanii fi daa’imman xixiqqoo dabalatee maanguddoonni rakkinaaf saaxilamaa jiru jechuun maddi keenya Sudaan irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

