Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yukireen ittisa qilleensaa barbaachisaa hatattamaa barbaaddii jedhan hogganaan NATO Stoltenberg

ONM-ABO Ebla 19, 2024 Barreessaan olaanaan NATO Jens Stoltenberg Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, Yukireen humna ittisa qilleensaa murteessaa dabalataa hatattamaan barbaadii jedhan.

Barreessaan olaanaa NATO Jens Stoltenberg walgahii ministeerota dhimma alaa G7 guyyaa lammaffaa Xaaliyaanii odola Kaapriitti Ebla 18, 2024 gaggeeffame irratti miidiyaaleef kana dubbatan.

Michoonni NATO deggarsa waraanaa irratti dhiheenya kana waadaa ”jajjabeessaa” kan galan yoo ta’u, ”silaa dursinee kana caalaa kennuu qabna turre” jedhan.

Walgahii hojii Yukireen irratti gaggeeffamu dura gaazexeessitootaaf kan dubbatan yoo ta’u, Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Dimiyitro Kulebaas irratti hirmaataniiru.

Yukireen ji’ootaaf dirree waraanaa irratti qabsaa’aa kan turte yoo ta’u, hanqina gargaarsa waraanaa karaa biyyoota dhihaa mudateen humnoota Raashiyaatiin qawwee baay’inaan caalamtee jirtii jedhan.

Stoltenberg akka jedhanitti, paakeejii gargaarsaa doolaara biiliyoona 61 yeroo dheeraaf dhaabbate ture dhuma torbee kanaa Kongireesiin Ameerikaa sagalee kennuun gargaaruuf murteessera.

Akkasumas deeggarsa waraanaa haaraa michoota NATO irraa argamsiisu mallattoowwan barbaachisoo jajjabeessaan mul’ataniiru jedhan.

Michoonni NATO deeggarsa isaanii itti fufsiisuu fi cimsuun barbaachisummaa guddaa qabaa jedhan.

Har’a ittisa qilleensaa irratti xiyyeeffanna. Ittisa qilleensaa dabalataa murteessaan barbaachisaadha,” jedhan Stoltenberg jechuun France 24 gabaaseera.

Exit mobile version