Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Sulula Finca’aa keessatti manneen qonnaan bultootaa waraana faashistii PP’n gubachuu fi doorsisni jabaate

ONM-AB Ebla 20, 2024

Duula sakatta’insa waraana bilisummaa Oromoo jedhuun godina Horroo Guduruu Wallaggaa onoota adda addaa keessatti waraanni gabroomfataa PP sochii gochaa jiruun qe’ee namootaa mancaasuu fi qabeenyaa saamaa jiraachuun beekameera.

Akkuma kanaanis Ebla 19, 2024 aanaa Sulula Finca’aa ganda Qorqee jedhamu keessatti waraanni maafi’aa PP maqaa sakatta’insa WBO’n bobba’an mana obbo Geetuu Dinqaa meeshaalee mana keessaa fi qabeenyaa maallaqa guddaatti tilmaamamu waliin gubanii barbadeessuun himame.

Dabalataanis gandoota onichaa hunda keessatti doorsisni jabaatee akka jiru kan himan jiraattonni, maqaa WBO deggertuun namoonni hidhaman danuu akka ta’es ifoomeera.

Exit mobile version