ONM-ABO Caamsaa 7, 2024
Murni faashistii gargaarsa biyya ambaa erga dhabee bubbuluunii fi liqiin IMF irraa argamu lafa irra harkifachuun waan ittiin pirojektii misoomaa hojjetanii fi investimentii qondaaltotaa ittiin guutan dhabamuun buukii namoota irraa naanneffachuu eegalanii jiru.
Akka kanaanis jalqaba bara 2021 irraa eegaluun hojjettoota mootummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi naannowwaa ishee jiran mana jireenyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa isiniif kennina jechuun qarshii 500,000 tokko tokkoon hojjettoota fedhii agarsiisanii akka kaffalan taasisanii turan.
Hojjettootni hawwii mana jireenyaa qaban kunis maallaqa qabanitti maallaqa maatii, aantii fi hiriyoota irraa kadhachuu fi liqeeffachuun kanneen argatan kaffaluun kanneen dhaban ammoo maatii, aantii fi hiriyoota waliin wal loluun hanga ammaatti waliin hoodanii kan jiran ni jiru.
Murni bilxiginnaa uummatichaan yaadannoo yeroo gabaabaa (short memory) qabdu jedhuun beekamu, uummatichi daba irratti raawwatamuuf yaadate hojii keenya hin mormu waan jedhaniif, piroojektii Baankii Siinqee qabatanii turaniif kaappitaala argachuuf maallaqa hojjettoota kana irraa tooftaan akka fudhatan beekamee jira.
Baankiin Siinqee walakkaan sheerii isaan kan qondaaltota bilxiginnaa kanneen akka Shimallis Abdiisaa ta’e, baankichi erga maallaqa argatee banamee hojjettoota sanaan namni mana isiniif kennina jedhe hin jiru jechuun abdii isaanii dukkanneessuun hawaasummaa isaaniis jeeqan.
Yeroo piroojektii kana dhiyeessan qondaaltotni bilxiginnaa hojjettoota walitti qabuun maallaqa hanga kana galchaa manatu isiniif kennama erga jedhaniin booda, waadaa isaanii cabsuun nuti hin beeknu jedhanii namoota hojjettoota kana bakka bu’anii waajjira paartii bilxiginnaatti argamanii gaafataniif deebisan.
Haala kanaanis paartiin bilxiginnaa hojjettoota mufaasisee baankii isaa banachuun jireenya namoota hedduu burjaajessee akka jiru hojjettootni rakkoon kun irra ga’e miira gaddaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Yeroo ammaa kanas murni faashistii PP kaappitaala Baankii Siinqee ol kaasuuf namoota daandii gubbaa irraa bultoo guyyaaf hojjetan dabalatee gitoota hawaasaa Oromiyaa keessatti argaman dirqamsiisuun baankichatti maallaqa akka kuufatan gochaa jiraachuun ni beekama.

