ONM-ABO Caamsaa 15, 2024
Godina Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo gandaa Agoo Laafteen keessatti gaafa Caamsaa 11, 2024 sa’atii 3:00 irratti maatii qabsa’aa nama ganna 70 kan maqaan ishee Aaddee Hawwii Waaqjiraa jedhamtu dhukubsatttu nama dhiibbaa dhiigaan dararamaa jirtu maqaa ilma keetu WBO wajjiin bosona jira jedhuun daa’ima ji’a saddeetti waliin qabanii hidhani jiraachuu maddeen ibsan.
Ganduma Agoo Laafteen kana keessatti dubartii Aaddee Masarat Camadaa jedhamtuu daa’ima ji’a sagalii kan qabduu mana ishee keessaa gadi baasanii qabeenya mana keessaa guutuu wajjiin abidda itti qabsiisuun gara laafina tokko malee mana ishee gubanii barbadeessuus dubbatan.
Akkasuma Shamarran bakka adda addatti humnaan qabee gudeeduu kan bare waraanni faashistii PP, Caamsaa 6, aanaa Sibuu Siree gandoota akka: Bujjuuraa, Bakkaannisa Beecaruu fi kanneen hafan biroo keessatti shamarran hedduu gudeeduu isaanii fi hanga har’aa illee shamarran qofaa deemtu kan hin dhiisnee ta’uu hawaasni gandichaa ONM’f ibsan.
Kana malees, gaafuma kana ganda Burqaa Xaaloo keessaa nama maqaan isaa Darajjee Dirribaa jedhamu rasaasaan harka isaa irra dhahuun madeessaniiru.
Oduu hidhaan wal-qabatuun ammoo aanuma Gobbuu Sayyoo ganda Gola Haftee jedhamutti namoota maqaan isaanii: Kuulanii Makuraa, Dinqee Addunyaa, Wadaajoo Nagaasaa fi Bushaa Taaddasaa jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf Caamsaa 07 qabamuun hidhamanii jiru jechuun jiraattotni addeessaniiru.
Oduma hidhaan wal qabateen sababa tokko malee barsiisaa Booraanaa Raggaasa magaalaa Finfinnee naannoo Birbirsa Gooroo irraa Kamisa darbe Caamsaa 9 osoo inni mana barumsaa barsiisummaaf deemaa jiru hidhattoota sirnichaan qabamuun mana hiraarsaa sirnichaatti darbatamee jiraachuus maddeen keenya magaalaa Finfinnee ONMtti himaniiru.

