Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Laavaa qorraan jiraattota naannoo volkaanoo 37 ajjeese

ONM-ABO Caamsaa 14, 2024

Odola Lixa Indooneeziyaa Sumaatraa iddoo volkaanoon hammaatutti lolaa fi laavaan qorraa irra yaa’een namoonni 37 lubbuun darbe.

Roobni cimaan Sanbata darbe roobe tuullaa daaraa fi kattaa Gaara Maaraapii iddoo volkaanoon socho’aa Sumaatiraa jiru irraa gadi haraa ture.

Laavaa qorraan kuni bulchiinsota lama irra yaa’ee lubbuu namootaa dabarsuun dabalataan manneen 100, masjiidotaaa fi qabeenya uummataa mancaaseera.

Namoonni 18 achi buuteen isaanii waan hin beekamneef lakkoofsi namoota lubbuun darbee dabaluu danda’a jedhan qondaaloti.

Kanneen balaa kanarraa hafan laavaan miya volkaanoo qabate rooba keessa mana isaaniitti yaaa’uu himan.

Lolaan kun balaa uumamaa, gariin sochii dhala namaatiin dhufe dha jedhu ogeessi kunuunsa naannoo Indooneziyaa.

Lolaa fi dhoqqeen laavaa kuni sababa qabeenyi uumamaa naannoo manca’aa jiruuf mudachuun isaa itti fufa, jedhan Dhaabbata Kunuunsa Naanoo Indooneziyaa damee Lixa Sumaatraatti hogganaa kan tahan Wengikii Purwaantoo.

Sababa kanaan balaan hamaa wagga waggaan mudata inumaa hammisaa wagga waggaan dabaluu mala balaan tokko mudatee inni kaan mudachuuf yeroo dheeraa hin fudhatu jedhan.

Muddee darbe namoonni lafoo deemaa turan 23 volkaanoo mudateen yoo du’an, Guraandhala keessa ammoo lolaan tasaa manneen baay’ee mancaaseera.

Baatii darbe ammoo aarrii volkaanoo ol gara samiitti km2 dheeratu balalii xayyaaraa danqaa ture, karaanis cufamee namoonni 11,000 ol tahan naannichaa akka bahan itti himamee ture jechuun BBCn gabaasera.

Exit mobile version