ONM-ABO Caamsaa 15, 2024
Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo bakkoota adda addaatii fedhii isaanii malee dirqiin qabee lola isaan hin ilaallannetti hirmaachisuun, barcuma aangoo isaa tikfachuuf jecha lubbuu ilmaan Oromoo kumootaan lakkaa’aman obbaasaa kan turee fi har’as kan itti jiru yoo ta’u, mooraa murna bilxiginnaa keessatti ammoo ilmaan habashootaa ol’aantummaa mooricha keessatti qabaachuun ilmaan Oromoo kanneen irratti irra deddeebiin ajjeechaa fi dararrii hamaa irraan ga’aa akka jiran miseensoonni raayyaa ittisa impaayeerattii WBO’tti harka kennachaa jiran kaasaa turuun isaanii ni yaadatama.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee ganda 05 keessatti gaafa Caamsaa 13, 2024 galgala sa’a 1: 00 irraa eegaluun dhukaasa hanga 3:00tti wal irratti bananiin raayyaan ittisa impaayeerattii lama kan sabaan Oromoo ta’an ajjeefamuun, Poolisiin tokko kan maqaan isaa Geetaachoo Camadaa jedhamu qorataa mana murtii magaalichaa kan ta’e yoo madaa’u walumaa galatti miseensota raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Amaaraa ta’aniin ilmaan Oromoo 2 ajjeefamuun tokko mada’eera.
Akka odeessi keessoo PP ba’e addeessutti sababni ajjeechaan kun addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffatee ilmaan habashootaan adeemsifamaa jiruuf, achi keessatti ol’aantummaan kan warra sabaan Amaara ta’anii ta’uun, mooraa murna bilxiginnaa kana keessatti wal jibbiinsi sanyummaa akkaan babaldhatee jiraachuun, wal ajjeesuu, wal gaarreffannaa, ajaja walii fudhachuu diduun, tuffii fi lolli guddaan mooricha keessatti yeroo irra gara yerootti adeemsifamaa akka jirus dubbatu.
Ilmaan Amaaraa ajjeechaa jibbiinsa sanyummaan ka’een ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa fi madoo raawwatan kun lubbuu namoota lamaa balleessanii fi madeessaniif Seeraan kan hin gaafatamnee fi inumaa dhoksuufii yaaluun, dhakaasa sa’a 1:00 hanga sa’a 3:00tti battala qabatanii dhaabbataan wal lolan kana, miseensota isaanii walitti qabuun, nuti beekaa walitti dhukaafnee miti, walitti rifanne malee jedhaa jechuun mariisisaa turuus ibsan.
Erga sanarraa kaasee mooraa isaanii keessa gaaga’ama hamaan akka jiruu fi hanga ammaattillee sanyummaan wal adamsuun jabaatee akka jirutu dubbatamaa.
Oduu mooraa bilxiginnaa biroon wal qabateen dheengadda Caamsaa 13 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa irraa miseensi waraana PP tokko qawwee Turkii 1 hidhannoo guutuu waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatee jiraachuun barameera.
