ONM-ABO Caamsaa 25, 2024
Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa Jimaata kaleessaa Israa’el haleellaa waraanaa Kibba Gaazaa magaalaa Raafaa keessatti raawwattu hatattamaan akka dhaabdu ajaje.
Abbootiin murtii paanaalii sagalee 13 fi 2n ajaja kana kan deeggaran yoo ta’u, ajajni kun haalli namoomaa Gaazaa balaa guddaa jechuun kan ibsuudha.
Manni murtii haqaa idil-adunyaa Israa’el haleellaa waraanaa ishee fi tarkaanfii biroo kamiyyuu kan gareewwan Falasxiin Gaazaa keessa jiran irratti haala jireenyaa guutummaatti ykn gartokkoon badiisa qaamaa ishee fiduu danda’u hatattamaan dhaabuu qabdi jedheera.
Itti dabaluudhaanis Israa’el gargaarsa sadarkaa barbaachisaa ta’een tajaajila bu’uuraa hatattamaa barbaachisuu fi gargaarsa namoomaa kennuudhaaf kenniinsa gufuu malee argachuuf qaxxaamuraa Raafaa banaa taasisuu qabdi jedheera.
Manni murtichaa namoonni 800,000 qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an ibsuun, Israa’el balaa namoota nagaa salphisuuf ykn nyaata, bishaan ykn bakka jireenyaa barbaachisaa ta’e kennuudhaaf tattaaffiin gootu gahaa akka hin taane ibseera.
Manni Murtii Addunyaa itti dabaluudhaan Israa’el gaafattoonni gara Gaazaatti gufuu tokko malee akka seenan tarkaanfii fudhachuu qabdi jedheera.
Murteen Jimaata kaleessaa kun bara kana yeroo sadaffaaf manni murtii haqaa idil-adunyaa ajaja duraa du’aa fi gidiraa Gaazaa keessatti hir’isuuf barbaadu kennuu isaati.
Ajajni Mana murtii haqaa idil-adunyaa seeraan dirqama ta’us, manni murtichaa humna poolisii ykn waraanaa kana raawwachiisu kan hin qabne yoo ta’u, Israa’el hidhattoota Hamas irraa of ittisuuf mirga akka qabdu cimsitee himti.
Haaluma walfakkaatuun Raashiyaan hanga ammaatti ajaja manni murtii bara 2022 weerara guutuu Yukireen irratti raawwatte akka dhaabdu kenne tuffatteetti.
Qondaalli Hamaas murtee mana murtii haqaa idil-adunyaa kana akka simatu ibsuun garuu gahaa miti jechuun haleellaan Israa’el guutummaa Gaazaa irratti raawwattu akka dhaabbatu gaafataniiru jechuun Doochii Waleen gabaasera.

