Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti gidiraan uummata nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufuu jiraattotni ONM’tti himan

ONM-ABO Caamsaa 31, 2024

Sirni badii uummata Oromoo irratti karaalee hedduun gochoota safuu hawaasaa hin ibsine raawwatu fi saamicha daangaa hin qabne geggeessu akka waan aantummaa sabaa qabuu of fakkeessuun yoo hololu, garuu dhugaa lafa irraan ammoo hidhattoota isaan leenjisanii hawaasatti bobbaasaniin gochootni badii  raawwatamu kanarraa adda.

Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii iddoo addaa Giccoo jedhamu keessatti waraanni goolessaan bilxiginnaa nama safuu hawaasaaf jecha maqaa dha’uun hin barbaachifne tokko dirqamaan gareen gudeeddaa  irratti raawwachuun miidhaa yoo irraan ga’an, dubartiin kunis yeroo ammaa miidhaa irra ga’een hospitaala magaalaa Maqii keessatti yaalamaa akka jirtu jiraattonni dubbatan.

Gama biraatiin ammoo bilxiginnaan aanicha keessatti hanqina baajataa isaan mudate irraa dandamachuuf jecha  kaabinoota gandatti dirqama bobbaasuun gibira humnaa olii irraa dirqiin funaansiisaa jiraachuu fi namoonni hedduunis gara irraa itti baqatan dhabuun hedduu rakkachuu ibsan.

Gandoota aanichaa hedduu keessaa dargaggoota maqaa isaanii funaanachuun ija shakkiin qabanii mana hidhaatti galchaa akka jiranis jiraattonni himuun, namoota qabamanii jiran keessaa muraasni kan maqaa arganne Kurfaa Jaarsoo fi Diitaa Badhoo jedhaman dabalatee dargaggoonni hedduunis mana hidhaa magaalaa Maqii keessatti badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuus dabaluun himaniiru. 

Exit mobile version