Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti humni weerartuu PP hidhaa, manneen gubuu fi qabeenya saamuu daran hammeesse

ONM-ABO Caamsaa 31, 2024

Akka aadaa Oromootti namni mana namaa gube yakka guddaan gumaa kan fixatu yoo ta’u, Waraanni Bilxiginnaa maaliif akka duuluu fi maal  gochuu akka qabu hin beekne garuu, aangoo nam-tokkee tiksuuf jecha bakka adda addaatti bobba’ee waan fedhe balleessee yoo dhufe qaamni isa gaafatu dhibuun motummaan abbaa irree kun hawaasa tikfatee bulu kan siyaasa kamuu irraa bilisa ta’ee jiraatu isintu WBO nyaachisee nu lolchiisaa jira jechuun manneen hedduu osoo qabeenya keessaa hin fudhatin ibidda itti shiduun jumlaan gubanii barbadeessaa jiru. 

Sirni balleessuu malee tolchuu hin beekne kun kaleessa Caamsaa 30, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wotaroo Diinoo keessatti  Bobbaa Irbuu Shinniggaa sababeeffachuun loloota jajjabaa fi rifaasisaa waraanni Bilisummaa Oromoo irratti gaggeesse baaraaguun, qawwee osoo baatanii waraana bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu dadhabnaan uummata nagaa hidhannoo of harkaa hin qabne eegumsii fi kabajni maluuf itti bobba’uun manneen namoota 43 ol ta’u ibiddaan daaraa botoroo akka godhan jiraattota irraa mirkaneeffanneerra.

Namoonni manni jalaa gubate kunis maqaan isaanii:-  

  1. Qaasim Elemoo Roobaa,
  2. Sa’idoo Mi’eessoo Roobaa, 
  3. Sa’idoo Mi’eessoo Hasanoo, 
  4. Sa’idoo Mi’eessoo Guutoo, 
  5. Sa’idoo Mi’eessoo Eda’oo, 
  6. Sulxii Eda’oo Tamaam, 
  7. Eda’oo Mi’eessoo Abbishuu, 
  8. Abdallaa Mi’eessoo Jamoo, 
  9. Abdallaa Bilisuu Abdallaa, 
  10. Leencoo Waaqoo Maammadoo, 
  11. Elemoo Roobaa Dawudoo, 
  12. Mahaammad Elemoo, 
  13. Huseen Dhaddachoo Sheek Amanoo, 
  14. Hajii Waaqoo Gannaa, 
  15. Maammad  Turee  Obee, 
  16. Qaasim Mahammad  Turee, 
  17. Ziyaad  Mahaammad Turee, 
  18. Tamaam Adam Hawiyoo, 
  19. Adam Hawiyoo, 
  20. Kadiroo Gandoo Badhoo, 
  21. Hawwaas Kadiroo Gandoo, 
  22. Adam Obsee Galatoo, 
  23. Su’uudii Ganna Gubii, 
  24. Jamaal Amanoo Gubii, 
  25. Gubii Roobaa Muftii, 
  26. Gannaa Gubii, 
  27. Mahaammad Ganna Gubii, 
  28. Aliyyii Ganna Gubii,
  29. Jirbiiloo Gabii Qomichaa, 
  30. Usmee Qomichaa Boree, 
  31. Gannichoo Ambaa Tuluu, 
  32. Ibroo Gannichoo Ambaa, 
  33. Usmaan Tukii Safanoo, 
  34. Guutoo Galatoo Boruu, 
  35. Kaliiloo Eda’oo Booree, 
  36. Gabii Eda’oo Booree, 
  37. Unjuu Qomicha Booree, 
  38. Sulxii Unjuu Qomichaa, 
  39. Booree Hustii Qomichaa, 
  40. Booree Qaasim Obsee, 
  41. Jiboo Qaasim Obsee, 
  42. Ibroo Hustii, 
  43. Jiboo Qaasim Obsiree fi 
  44. Ibroo Hustiree fa’a ta’uun beekameera.

Uummanni manni jalaa gubate kun qabeenya isaa waan  hin baafatiniif waan ittiin jiraatu akka hin qabnee fi yaaddoo keessa jiraachuu jiraattonni ni dubbatu.

Akkasumas murni  nama nyaataan kun badii tokko malee hidhaa, ajjechaa, qabeenya saamuu, humnaan gudeeduu, ibiddaan qabeenya hawaasaa dhabamsiisuun bartee itti ta’e kun caamsaa 29, 2024 aanichuma keessatti loon 100 hawaasa harkaa saamtee ooftee otuu deemtuu WBO’n akaa’ee harkaa buusuun baqachiisee gara magaalaatti galchee jira.

Ergasii immoo nama karaa irra deemu isintu WBO nu lolchiise jechuun nama tokko reebicha hamaa irraan ga’uun mana hidhaatti kan darbatte ta’uu maddeen ni addeessu. 

Oduuma hidhaan wal qabatuun aanaa Martii ganda Molamee Arjoo keessatti nama maqaan isaa Bunjaa Roobalee Waaqoo jedhamu ilma keetu WBO keessa jira fidii galchi jechuun mana hidhaa keessatti darbatamee dararamaa jiraachuu jiraattonni naannoo sanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version