ONM-ABO Caamsaa 29, 2024
Godina Kibba Lixa Shaggar ona Ammayyaatti murni maafiyaa PP uummata gowwomsuun saamicha irratti geggeessaa jira.
Kaadiroonni murna impaayera Itoophiyaa Itoophiyaa bututtuu olqabanii suphuuf halkanii fi guyyaa kanneen ifaajjiin dugda ofkutaa oolan, uummata Oromoo saamanii harka duwwaatti hambisuun jireenya isaanii kan ittiin geggeeffatan yommuu ta’u, ona Ammayyaatti itti gaafatamaa waajjira bishaanii aanichaa kan ta’e nama maqaan isaa ‘Muktaar Cimdii’ jedhamu nama Araggaa jedhamu waliin ta’uun magaalaa Gindoo 01 keessaa “bishaan isiniif galchina” jedhanii uummata gowwomsuun daftara qusannoo dhuunfaa isaanii irra galfachuun ifaa ifatti guyyaa saafaa maallaqa hawaasaa saamuu isaanii jiraattonni addeessan.
Kana malees, namoonni kun lamaan waraana sirna nama nyaataa impaayera Xoophiyaa waliin ta’uun maqaa sakatta’insaan uummata ona Ammayyaa mana irratti gubuun, saamuun, hidhuu fi reebichaan qaama waxalanii dararaa kan turanii fi Waraanni Bilisummaa Oromoo akka galuuf miidiyaa hawaasaan holola geggeessaa kan oolan ta’uunis eerameera.
Yeroo ammaa kanas maallaqa irratti wal dadhabuun kaadiroonni ona sanaa walitti garagalanii Muktaar nama jedhamu kana magaalaa Walisootti hidhanii jiraachuu jiraattonni magaalichaa ONM’tti himanii jiru.

