Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tiksitoonni sirna gabroomfataa bilxiginnaa Godina Baha Wallaggaa keessatti maqaa uffata milishaa binna jedhuun uummata saamaa kan jiran yoo ta’u, Lixa Wallaggaa keessatti ammoo abbaa maatii tokko rasaasaan rukutuun madeessan

ONM-ABO Waxabajjii 1, 2024

Afaaniin nuti mootummaa uummataati ofiin jechaa jiruuf jireenya uummata Oromoo balleessaa kan oolan ergamtoonni sirna nama nyaataa bilxiginnaa hidhaa, ajjeechaa, fi saamicha daangaa hin qabneen jireenya ilmaan Oromoo barbadeessaa jiru.

Dhiibbaa siyaasaa kamiyyuu geggeesseef osoo hin taane Oromummaa isaa qofaan yakkamuun rasaasa mootummoota abbaa irree impaayerittii darbaniin dachee abbaa isaa irratti aarsaa hanga wareegama lubbuutti kaffalaa kan har’a ga’e uummanni Oromoo ammas ergamtoota guddisa nafxanyootaa kolonel Abiy Ahimediin goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaafaman dararaa hamtuu hawaasa nagaa irratti geggeessaa jiraachuu jiraattoonni dubbatu.

Haaluma kanaan Kaabinoonni fi milishootni bilxiginnaa Godina Baha Wallaggaa Aanaa Arjoo Guddattuu keessatti uffata milishaaf binna jechuun uummata harka qalleessa qaala’iinsi jireenyaa itti ulfaatee jiru irraa qarshii 10,000 hanga 20,000’tti kaffalaa jechuun saamicha geggeessaa jiraachuu dubbatan.

Exit mobile version