ONM- ABO Waxabajjii 2, 2024
Waraanni maafi’aa PP ilmaan Oromoo hojii isaan hin qabne, ilaalcha siyaasaa itti maxxansee yakkuun qabee hidhuu, ajjeesuu fi qabeenya jalaa gubuu meeshaa waraanaa taasifachuun qe’ee Oromoo irratti itti fayyadamaa jira.
Akka kanaanis kaleessa Waxabajjii 1, 2024 waraanni akka feeteen Abiy Ahimed godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Gumaa Gaara Arbaa bakka addaa Konsaa Tabba Shiboo jedhamitti bobba’uun hawaasa nagaa goolaa erga turaniin booda dargaggoo Abduu Sanbatoo jedhamu qabuun reebicha hamaa irraan ga’anii harka duubatti cabsanii hidhuun mooraa isaaniitti geeffachuun barameera.
Waraanni faashistii PP kun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Muggii keessatti ammoo maallaqa deggersaa fi milishaa jechuun uummata gatii barbaadan itti ramadanii fudhachaa jiru. Sababa kanaanis uummatni guyyaa guyyaan sababa maallaqa kaffaluu dadhabeef ilaalcha siyaasaan yakkamuun hidhamaa jira.
Godinichuma aanaa Jimmaa Horrootti ammoo nama maqaan isaa Shuumshii Aagaa jedhamu milishootni PP Aliiboo Solomoonii fi Taarikuu Maammoo jedhaman halkan itti dhaquun nuti WBO dha maallaqa 30,000 nuuf kenni jechuunii fi gochi akkasii aanaa Jimmaa Horroo dabalatee aanota godinichaa hedduu keessatti tooftaa ittiin uummata saamanii fi ejjennoo hawaasaa ittiin adda baasanii qabanii hidhan taasifatanii hojjechaa jiraachuun ni beekama.

