Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Xiyyeeffannaa Marii mootummaa fi Bobbaa waraanaa WBO – Gorsaa olaanaan ABO-WBO Obbo Jireenyaa Guddataa: Caamsaa 2, 2024 OMN

YouTube Poster

Gorsaa olaanaan ABO-WBO Obbo Jireenyaa Guddataa rakkoon baratamaan siyaasa Itoophiyaa keessa jiru inni ijoon rakkoo siyaasaa mariidhaan furuu dadhabuu dha jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa afaaniin marii jedhaa harkaan Oromiyaa keessatti waraana adeemsisaa jiraachuu himaniiru.

Marii araaraa kanaan dura Taanzaaniyatti gaggeeffamaa ture keessatti qaamoleen araara buusuuf hirmaatan waan taajjabaa turan kan qaban yoo ta’u, kun immoo gaaffiin saba kanaa deebii argatu malee, rakkoon biyya kanaa furmaata waaraa argachuu akka hin dandeenye akeeka jedhan Gorsaa olaanaan ABO-WBO Obbo Jireenyaa Guddataa.

Waraanni Bilisummaa Oromoo duraanis gaaffii mirgaa gaafatee yeroo deebii dhabetti lubbuu isaa baraaruuf of ittisuu mirga waan qabuuf, gara qabsoo hidhannootti seenuu dirqame jedhanii jiru.

Mootummaan biyya bulchaa jiru gaaffii ummanni Oromoo gaafate bu’uura irraa osoo hin deebisin nama ajjeesuudhaan furmaata fiduun hin danda’amu jedhan.

Osoo beekkumsaan biyyiti kan hoogganamtuuti rakkinaa fi gadadoon har’a keessa jirru kun silaa nu hin muudatu turee jedhan Obbo Jireenya Guddataa

Waraanni Bilisummaa Oromoo kaayyoo fi galma isaa gahuuf Irbuu Shinniggaa jedhee waan eegale Oromiyaa keessa iddoo heddutti itti milkaahuu gorsaan Olaanaan ABO-WBO obbo Jireenyaa Guddata turtii OMN waliin taasisaniin dubbatanii jiru.

Lolaanis haata’uu mariidhaan kayyoon Waraana Bilisummaa Oromoo sirna ummataa kanaaf ta’u ijaaruu (tolchuun) saba kana bilisummaa gonfachiisuudha jedhan.

Maddi rakkoo qaamolee lamaan gidduu jiru siyaasa waan ta’eef akkasumaatti furmaata siyaasa barbaada jedhan obbo Jireenya Guddataa.

Mootummaan ololaa fi fakkeessaan biyya gooluu malee rakkoo siyaasaa jiru karaa saayinsii siyaasaatiin furuu hin barbaadu jedhaniiru.

Guyyaa 40 fi 90 lola labsanii nama ajjeesaa, hidhaa, reebaa, qabeenya hawaasaa ibiddaan gubanii barbadeessaa fi saamaa faallaa nagaha hojjachaa koottaa marii araaraa gaggeessina jechuun olola malee dhugaa miti jechuun mootummaa qeeqan.

Mariin gaaffii ummataa giddugaleessa godhatee yoo gaggeeffame ABO-WBO dantaa ummataa malee dantaa dhuunfaa waan hin qabneef hirmaachuuf qophiidha kan jedhan obbo Jireenyaa Guddataa, garuu immoo dura waraana labsuun dhaabbachuu qaba jedhan.

Mariin komishiinii biyyaalessaa jedhanii amma deemaa jiru kunis kan mootummaa biyya bulchaa jiruun komishinii walaba hintaane kan tolfatee fi qaama hundaaf amanamaa ta’uu kan hin dandeenye bira darbee komishiinichi ofiifuu wabii kan hin qabneedha jedhanii jiru.

Kanaaf paartiin biyya bulchaa jiru kophaa isaa marii taa’aa jira malee qaama kan biraa waliinii miti jedhan.

Mootummaan marii gaggeeffamu kamiifuu dura lola dhaabuu, paartilee siyaasaas ta’ee namoota biroo murtee seeraa maleen waggoota hedduuf hidhaman hiikee mariitti akka hirmaatan gochuu fi komishiinii marii biyyaalessaa qaama kam irraayyuu walaba ta’e waloon ijaaruudhaan yoo mari’atame milkiin dhufuu akka danda’u ibsaniiru.

Exit mobile version