Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni PP godina Gujii Lixaa aanaa Malkaa Sooddaatti meeshaalee gurguddaa dhukaasaniin lubbuun daa’ima tokkoo yoo darbu, namoonni shan madaa’an

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024

Sodaa waraanni bilisummaa Oromoo golee Oromiyaa mara keessatti tarkaanfii fudhachaa jiru baaraaguun, Waraanni sirnichaa bakka socho’an maratti meeshaalee gurguddaa dhukaasuun miidhaa lubbuu namaaf qabeenyaa irraan ga’aa jiraachuun kan beekamuudha.

Haaluma kanaan godina Gujii Lixaa aanaa Malkaa Sooddaa ganda Daayaa, iddoo addaa Gaara Cirrattee jedhamutti guyyaa kaleessaa Waxabajjii 6, 2024 waraanni Abiy Ahimed meeshaa gurguddaa Moorteeraa fi Zu-23 uummata nagaa irratti dhukaasuun, gochaa suukkanneessaa raawwataniin, daa’imni umuriin ishee 12  taate kan maqaan ishee Saaraa  Guyyee Adoolaa Gannoo  jedhamtu lubbuun darbuun, namoonni Shan immoo madaa’uun du’aa fi jireenya gidduu jiru.

Maqaan namoota madaa’aniis;

1. Xummee Duubee Waataa.

2. Yuubee Guyyee Adoolaa

3. Xonnosaa Guyyee Adoolaa

4. Boontuu Gumii Adoolaa

5. Falmattuu Gumii Adoolaa kanneen jedhamaniidha.

Dabalataan, guyyaa lamaan dura gaafa Waxabajjii 4, 2024 aanaa Qarcaa ganda Baddeessaa bakka addaa Gaara Garbii jedhamutti uummata nagaa mana isaa keessatti namoota afur moorteraan ajjeesuun, loon uummataa sadiis ajjesanii turan.

Kana malees gocha sukkaanessaa godinuma Gujii Lixaa aanaalee akka Birbirsa Kojowaa, Qarcaa, Bulee Horaa fi kanneen biroo keessatti waraana faashistii PP’n hawaasni Oromoo miidhamaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version