Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Adaamaa  keessatti maqaa deggarsa milishaa jedhuun uummanni saamamaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024

Waraanni maafi’aa PP Abiy Ahimed  Oromiyaa keessatti bobbaasee jiru, qajeelfama fudhatanii bobba’anii jiraniin uummata Oromoo qaala’iinsi jireenyaa, jireenya itti hadheessee rakkachaa jiran dirqiin qabanii maallaqa irraa fuudhuun  saamaa jiraachuun isaanii ni beekama.

Akkaatuma kanaan murni badii bilxiginnaa, waltajjii fi karaa miidiyaalee hawasaa garaagaraatti fayyadamuun afaan saaqqatee Itoophiyaan guddina saffisaarra jirti, misoomni babballateera, bara aangootti dhufne liqii hanganaatu Itoophiyaarra ture har’a garuu boqonnaa haaraatti ceeneerra, bilisoomneerraa fi biyyoota alaaf qamadii feena jechuun saalfii malee addunyaa kijibaa oolu, faallaa isaammoo miindaa hojjetaa isaaf kaffaluu dadhabuun lammiisaa samsisaa jira.

Gochoota hammeenyaa isaanii kana itti fufuun, magaalaa Adaamaa ganda Waatee Xiyyoo keessatti deggersa Miliishaa jechuun dirqamaan torban kana maallaqa irraa funaanaa jiru.

Namoota maallaqa kaffalan hin qabne hidhaa fi  doorsisa geggeessaa turanis  uummanni jalaa callisnaan Waxabajjii 11, 2024 mandara keessa yaa’uun qarshii 300 hundarraa guuraa turuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Uummata waan nyaatee bulu dhabee ofiifuu yaaddoo keessa galee jiru, rakkoo uummatni qabuun bira dhaabbachuu irra,  miindaa hojjetaa isaaf kaffalu dhabuun uummata gargaarsa irraa barbaadu itti deebiyee saamaa jiraachuutti jiraattonni egeree isaaniif yaadda’uu ibsaniiru.

Exit mobile version