ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024
Gabaasni dhaabbata miti mootummaa Ispeen Caminando Fronteras (Frontline Defenders) jedhamu Roobii kaleessaa baase akka mul’isutti, karaa godaansa seeraan alaa Afrikaa Kaabaa irraa gara qarqara galaanaa Ispeenitti godhamu irratti baatii Amajjii fi Caamsaa gidduutti namoonni 5,054 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Dhaabbanni miti mootummaa kun daandiin qarqara galaanaa Kaaba Afrikaa irraa gara Odoola Kaanaariitti geessu, waggoota dhiyoo asitti godaantota sirnaan ala jiraniif daandii baay’inaan irra deddeebi’amu ta’e jedha.
Daandii kanaanis gara Awurooppaatti “imala abdii” jedhamee ibsame keessatti sadarkaa du’a gaddisiisaa irra ga’uu isaa cimsee ibseera.
Caminando Fronteras ibsa gaazexeessitootaaf kenneen akka gabaasetti, du’a namoota 4,808 karaa Odoola Kaanaarii qofa irratti raawwatame.
Akka istaatiksiitti, ji’oota shanan jalqabaa bara 2024 keessatti, godaantota seeraan alaa daqiiqaa 45 keessatti tokko, ykn guyyaatti 32 kan ta’an, Galaana Atlaantiik Kaaba Afrikaa fi Odoola Kaanaarii gidduutti du’u jedheera.
Gabaasni kun lakkoofsa kanaan dura hin argamne kana cimsee kan ibse yoo ta’u, bara 2023 guutuu godaantonni seeraan alaa 6,007 daandii kanarratti lubbuu isaanii akka dhaban ibseera.
Keessattuu bara 2024 ji’oota shanan jalqabaa qofa keessatti godaantotni 4,800 ol karaa walfakkaatuun du’uun isaanii baay’ee nama sodaachisa.
Gabaasni kun balaa addaa yeroo kana keessatti godaantota mudates kan ibse yoo ta’u, Amajjii fi Guraandhala keessa lakkoofsi namoota du’an olaanaa ta’e — 1,997 fi 1,090 — sababa haala qilleensaa hamaa ta’een jechuun gabaasni kun ifoomseera.
Yeroo kanatti bidiroonni ykn dooniiwwan 47 gara Odoola Kaanaariitti osoo deemaa jiranii kan liqimfaman yoo ta’u, balaawwan mudatan keessaa namni lubbuun hafe hin jiru.
Caminando Fronteras hojiin barbaachaa fi baraarsaa gahaa ta’e jiraachuu dhabuu qeeqaniiru. ”Meeshaaleen barbaachaa fi baraarsaa barbaachisoo ta’an hojiirra hin oolan,” jedheera.
Dhaabbanni miti mootummaa odeeffannoo isaa kan walitti qabu gaaffii fi deebii godaantota seeraan ala ta’an ykn maatii isaanii waliin taasisuun, du’a isaan galmeessan yeroo baayyee ragaa seeraa Ministeera Biyya Keessaa Ispeenii fi UN keessatti akka “bade ykn hin beekamnetti” akka tarreeffamu akeekeera jechuun Dhaabbanni Oduu Turkii Anaadooluun gabaaseera.

