Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Keeniyaa keessatti mormiin gibira dabaluu babal’achaa dhufeef, poolisiin Keeniyaa gaazii imimmaan nama boochisu hiriirtotatti dhukaasaa turan

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024

Keeniyaatti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman Kamisa kaleessaa guyyaa sadaffaaf karoora mootummaan gibira dabaluu mormuun daandii irratti ba’aniiru.

Ta’us humnoonni nageenyaa Mootummaa hiriirtota karaa nagaan bahanii mormii daballii gibiraa dhageessisan afaan qabachiisuuf aara imimmaan nama boossisu irratti dhukaasaa turan.

Kamisa kaleessaa mormiin kun gara Mombaasaa, Nakuru, Eldoret, Kisumu fi magaalota birootti babal’ateera.

Hiriirtonni gaaleewwan akka “Abbaa irree dinagdee lakki jennaa” fi “Ruutoon deemuu qaba” jedhu dhageessisaa oolutu himama.

Mootummaan Keeniyaa hanqina baajataa cufuuf jecha gibira haaraa doolaara biiliyoona 2.7 (Yuroo biiliyoona 2.5) walitti qabuuf yaalaa jira.

Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaas mootummaan baajata itti aanu keessatti galii akka dabaluu fi liqii akka hir’isu dhaamaniiru.

Mootummaan jalqaba irratti gibira daabboo, zayita nyaata bilcheessu, meeshaalee qulqullinaa, konkolaataa haaraa fi meeshaalee biroo irratti kaasuuf karoorfate.

Gibira kana keessaa muraasni kan daabboo fi sharafa alaa dabalatee mormii jalqabaa booda Kibxata darbe haqamaniiru.

Garuu mormitoonni ammallee daballiin gibiraa kun baasii jireenyaa dabaluu fi dinagdee akka miidhu sodaa qabu.

Labsiin kun darbuu hin danda’u; labsiin kun nu xumuruuf deema; hojii hin qabnu; daldala illee banuu hin dandeenyuu fi biyya kana keessatti homaa gochuu hin dandeenyu jechuun hiriirtonni akka dubbatan Doochii Waleen gabaaseera.

Exit mobile version