ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024
Haleellaan Israa’el ji’ootaaf Gaazaa irratti raawwachuu itti fuftee jirtuun, haleellaa adda addaa lama magaalaa Gaazaa irratti xiyyeeffateen Sanbata kaleessaa yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 41 ajjeefamanii, hedduun ammoo madaa’aniiru.
Maddeen yaalaa Anadolutti akka himanitti, waraanni Israa’el mana naannoo Al-Tuffah magaalaa Baha Gaazaa keessatti argamu irratti xiyyeeffachuun lammiilee Falasxiin 17 ajjeesuu fi namoota hedduu madeessuu ibsaniiru.
Boombii dabalataa Israa’el mooraa baqattootaa Al-Shati kan magaalaa Gaazaa Dhihaatti argamu irratti dhoosteen lammiileen Falasxiinotaa dabalataa 24 ajjeefamuu fi kudhanootaan madaa’uu himaniiru.
Waraanni Israa’el gamoowwan mana jireenyaa sadii mooraa kana keessa jiran irratti boombii darbachuu isaa Anadoluun lafa irraa gabaaseera.
Namoonni ijaan argan Anadolutti akka himanitti, sababa boombii Israa’el kanaan manneen 20 ol naannoo xiyyeeffannoon itti kenname kanaa guutummaatti ykn gartokkoon barbadaa’aniiru.
Gama biraatiin waraanni Israa’el gamoowwan Hamaas waajjira muummee waraanaa ta’ee Magaalaa Gaazaa keessatti itti fayyadamaa turan irratti boombii darbachuu isaanii ragaa tokkollee osoo hin kennin ykn ibsa dabalataa akka hin kennine himateera.
Murtee Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii dhukaasa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatu kan cabsite Israa’el erga Onkoloolessa 7 haleellaa Hamaas raawwateen booda haleellaa gara jabinaa Gaazaa irratti raawwatte itti fuftee jirtuun balaaleffannaan idil-addunyaa ishee mudateera.
Ergasii lammiileen Falasxiinota 37,500 ol Gaazaatti kan ajjeefaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’immani. Gara namoota 86,000 ta’an ammoo madaa’aniiru jedhu aanga’oonni fayyaa naannoo sanaa jechuun Dhaabbanni Oduu Turkii Anaadooluun gabaaseera.

